Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antonii Blinken Biyyoota Giddu Galeessa Eeshiyaa Daawwataa Jiran 


Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken ministiroota biyya alaa Esshiyaa wajjin wal gahan, Astaana, Kazakistaan, Guraandhala 28, 2023.
Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken ministiroota biyya alaa Esshiyaa wajjin wal gahan, Astaana, Kazakistaan, Guraandhala 28, 2023.

Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken yeroo daawwannaa Tashkent-tti jalqaban roobii har’aa akka jedhanitti, hariiroo biyyoota lamaanii fi karoora haaromsa Uzbeekistaan irratti mari’achuuf hawwa guddaan eeggachaa jiraachuu beeksisan.

Dippilomaatonni lamaan gita isaanii Giddugaleessa Eeshiyaa irraa dhufan waliin marii irratti erga hirmaatan guyyaa tokko booda Blinken, itti aanaa ministeera haajaa alaa Uzbeekistaan Bakhti-yoor Sayiidoov waliin ta’uu dhaan tuuta oduuf ibsa kennaniiru.

Saayidoov akka jedhanitti daawwannaan Roobii har’aa kun, marii siyaasaa akkasumas mata dureewwan akka daldalaa, invastimantii, teeknooloojii fi barnootaa kan ofitti hammata.

Bulchiinsa gaarii, ol aantummaa seeraa mirga dhala namaa fi holloota keenya waliin hariiroo gaarii jiru cimsachuuf bulchiinsi Yunaayitid Isteetis ajandaan prezidaant Mirzi-yooyeev akka itti fufuuf deggersa inni taasise ni ajaa’ibsiifanna jedhan Saayiidoov.

Biliinken ennaa Kibxata kaleessaa Kazaakistaanitti goran akka jedhanitti, Ynaayitid Isteetis uggurri Raashiyaan Yukireeniin weeraruu isheef irra kaa’ame biyyoota biroo naannoo sanaa attamiin akka miidhu illee ilaalcha keessa galchiteetti jedhan.

Uggurri sun hojii irra ooluu isaa baay’ee itti dhiyeenyaan hordofaa jirra, akkasumas michoota keenya biyyoota giddu galeessa Eeshiyaa kanneen C5 jedhaman dabalatee biyyoota hedduu waliin dhiibbaa inni dinagdeeni rratti qabu ilaalchisee marii itti fufiinsa qabu taasisaa jirra jedhan Blinken.

Blinken itti dabaluu dhaan akka jedhanitti, dhaabbileen ykn waaltaaleen biyyoota dhaabbilee Raashiyaa qoqqobbiin irra kaa’aman waliin hidhata qaban yeroo dhaaf uggurri kan irra hin kaa’amne yoo ta’u, kunis sochiiwwan sana dhaabanii hariiroo Raashiyaa waliin qaban akka addaan kutan yeroo kennaaf jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG