Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hongeen Naannoo Kibbaa, Oomoo Keessatti Hammaate Akka Jiraattonni Gargaarsa Eeggatan Taasise  


FAAYILII - Loon hongeen miidhaman, Naannoo Somaalee. Misheel Teweldee (Suuraa WFP irraa argame)
FAAYILII - Loon hongeen miidhaman, Naannoo Somaalee. Misheel Teweldee (Suuraa WFP irraa argame)

Dhiibbaan hongeen fide naannoo Kibbaa Ityoophiyaa zoonii Oomoo Kibbaa aanaa Hamar keessatti hammaataa dhufeera jechuu dhaan jiraattonni fi angawoonnii naannoo ibsanii jiran.

Jiraattonni VOAf akka himanitti, jalqaba bara darberraa eegalee beeyladaalee, irra caalaa loon kuma dhibbaan lakkaa’aman du’aniiru.

Bulchaan olaanaa aanaa sanaa Horaa Garshoo Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, namootni kuma 100 ol ta’an naannichatti gargaarsa nyaataa hatattamaa barbaada.

Mootummoonni federaalaa fi naannoo gargaarsa hatattamaa akka dabalan gaafataniiru. Aanichi baay'ina beeyladaalee kan qabu keessaa tokko yoo ta'u, loon miliyoona 9 qaba.

Karoorri Deebii Namoomaa kan Bara 2023 jalqaba torbee kanaa bahe akka agarsiisutti, naannoolee Oromiyaa, naannoo uummattoota kibbaa fi Itiyoophiyaa naannoo Somaalee keessatti hanqina dheedichaa fi bishaaniin horiin miiliyoona 6.8 ol akka dhuman tilmaamameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG