Caasaaleen misoomaa cimaa ta’e kan Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamu cimina wal ta’iinsa Chaayinaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiruuf ragaa ta’uu isaa, akkasumas walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii gama maraa fi qulqullina olaanaa qabuun gara fuulduraatti tarkaanfachaa jiraachuuf ragaa ta’uu isaa Ministirri Maallaqaa Itiyoophiyaa ennaa daawwannaa isaanii Chaayinaatti geggeessan gaaffii fi deebii dhiheenya kana Televiizhinii Chaayinaa “Giloobaal Television network” (CGTN) waliin taasisaniin ibsaniiru.
Kan yeroo ammaa Chaayinaa daawwataa jiran ministiriin Maallaqaa Ityoophiyaa Ahimed Shidee, jila Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaa hoogganuu dhaan marii daldala biyyoota lamaanii, invastimantii fi tumsa diinagdee biyyoota lamaanii irratti marii geggeessaa jiru. Ministiriin kun akka jedhanitti, biyyi isaanii michuu daldalaa guddaa fi madda invastimantii guddaa kan taate Chaayinaa waliin tumsa gaarii qabdutti gammaduu ishee ibsaniiru.
Chaayinaa fi Itiyoophiyaan walta'iinsa tarsiimoo kan walii galaa ta’e qabanitti ni gammadu. Akkasumas tumsi keenya waggoota hedduu dura murtee hoggantoota keenya lameeniin sadarkaa tarsiimoo hunda galeessa ta'etti ol guddateera. Ergasii Itiyoophiyaa fi Chaayinaan pirojektoota gurguddaa fi bal'aa waliin raawwachaa jiru jedhan. Akka fakkeenyaattis daandii baaburaa Finfinnee fi Jabuutii gidduu tuqaniiru. Daandiin baaburaa kun Finfinnee fi Jabuutii gidduu kan jiru daandii fagoo kan uwwisu yoo ta’u, meeshaalee keenya gara alaatti erguuf alaa galuu hojii daldalaa keessatti dorgomaa nu taasisa jedhan. prezidaantiin Chaayinaa Xi Jinping illee waltajjiiwwan sadarkaa addunyaa garaa garaa irratti barbaachisummaa isaaf bekkannaa kennanii jiran.
Walgahii jiloota mootummaa lamaanii kan Fulbaana 21 gaggeessan irratti, Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo diinagdee fi daldalaa isaanii walii galtee cimsuu dandeessisu mallatteessaniiru.
Forum