Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarmayaaleen Siivikii fi Mirga Namoomaa Qorannaan Itiyoophiyaa Kaabaa Akka Hin Dhaabanne Gaafatan 


FAAYILII - Dargaggoonni taankii humnoota Tigraay kan gatamee ture cinaa yeroo darban, Kibba magaalaa Mehonii, Itiyoophiyaa, Mudde 11, 2020.
FAAYILII - Dargaggoonni taankii humnoota Tigraay kan gatamee ture cinaa yeroo darban, Kibba magaalaa Mehonii, Itiyoophiyaa, Mudde 11, 2020.

Waldooliin siivilii fi dhaaboliin mirga namaa 60 ol ta’an, itti aanaan muummee ministeera Itiyoophiyaa Guraandhala 15 gumii ol aanaa kan gamtaa Afriikaaf mootummaan Itiyoophiyaa, gumii dhimmootii mirga namaa isa dhuftu irratti, dhimma Itiyoophiyaa irratti eeyama komiishina sadarkaa addunyaa kan ogeeyyii Mirga Namoomaa addaan kutuuf murteessuu isaa labsan mormuu dhaan bakka buutota dhaabbattoo biyyoota taajjabdoota mana marii dhimmootii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaaf xalayaa barreessanii jiran.

Xalayaa isaanii keessatti akka jedhanitti, “jilli keessan murtii aangoo komiishinichaa yeroo malee addaan kutuu kamiyyuu akka didan, akkasumas aangoo fi hojii Komishinichaaf deeggarsa keessan akka ibsitan gaafachuuf xalayaa kana barreessine jedhan.

Keessumaa waltajjiin miidiyaalee walabaa dhabamaa ennaa dhufee fi saabaa walitti bu’iinsaan kan miidhaman mirga namaa naannolee Itiyoophiyaa hordofuuf akkasumas yakkaawwan sadarkaa addunyaa cimaa ta’een kanneen miidhaman haqi isaanii akka mirkanaa’u gochuuf hojii fi eeyamni komiishinicha akkaan barbaachisaa ta’uun ibsamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG