Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Faransaay Daawwannaa Biyyoota Afrikaa Afruritti Fuuleffate Jalqaban  


Prezidaantii Ferensaay Imaanu’el Maakiroon, Guraandhala 17, 2023.
Prezidaantii Ferensaay Imaanu’el Maakiroon, Guraandhala 17, 2023.

Prezidaantiin Ferensaay Imaanu’el Maakiroon ardittii waliin kan jiru hariiroo itti gaafatamummaan guutame qoracchuuf jecha kaka’umsa diplomaasummaan roobii kaleessaa giddu galeessa Afriikaa daawwachuuf gamasitti qajeelanii jiru. Kolonii duraanii tokko tokko keessatti miirri farra Ferensaay ol ka’ee jira.

Roobii kaleessaa magaalaa galma mootummaa Gaaboon Libreviil kan ga’an yoo ta’u, boodarra gara Angoolaa, Koongoo-Braazaaviil fi biyya hollaa ollaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongootti qajeeluuf jiru.

Imalli Maakroon kun kan dhagaa’ame, yeroo Paaris keessatti skan waggoota muraasaaf naannoo sana keessa sosso’aa jiartu Chaayinaatti dabalee dhiibbaan Raashiyaan biyyoota Afrikaa afaan Faransaay dubbatan keessatti dhiibbaa qab aataa dhufteen sodaan guddataa dhufeetti.,

Akka walii galtee bara 1961-tti Burkinaafaawoon kan bu’uura seeraa qabu deggersa waraanaa Ferensaayiif ta’u kan haqxu ta’uu roobii kaleessaa xalayaa sirnaa AFPf ergameen beeksistee jirti.

Imaammata Afrikaa Faransaay irratti Wixata darbe haawawaa taasisaniin, Maakroon dhimma haala qilleensaa dabalatee ardii biyyoota 50 ol qabdu waliin hariiroon itti gaafatamummaa qabu' akka jiraatu gaafataniiru.

Imaammata kolonii booda ture hambsiuuf illee waadaa galan irra deebi’anii ibsaniiru. Fedhiin keenya dursee fi hunda caalaa dimokiraasii dha, akkasumas walta'iinsa dinagdeeti jedhan Makroon.

Akkasumas, maddi waraanaa fi xiinxaltoonni, hoggantoonni waraana Faransaay kana gochuuf fedhii dhabuu akka danda’an dubbatanis, waraanni Faransaay ji’oota dhufan keessatti ardii kana irratti jiddu seeniinsa isaa akka hir’isu dubbataniiru.

Loltoonni Faransaay kuma 3 ol ta’an Senegaal, Ayvoorii Koost, Gaaboon fi Jibuutii keessatti bobbaafamuu isaanii lakkoofsi sirnaa ni mul’isa.

Namoonni 3,000 kanneen biroo ammoo Niijer fi Chaad dabalatee naannoo Saahel gara kaabaatti argamu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG