Xurree ittiin seenan

Breaking News

Finfinneetti Miseensi Koo Tokko Humnoota Mootummaan Ajjeesame, Jechuun Paartiin Sochii Biyyaalessaa  Amhaaraa Beeksise  


Ethiopian Human Rights Commission
Ethiopian Human Rights Commission

Paartiin sochii biyyaalesaa Amaaraa miseensii isaa kamisaa kaleessaa umnoottan mootumaatiin akka ajjeefaman ibsee jira. Paartichii ibsa baaseen nammi Miiliyoon Wadaajee jechuudhaan maqaa dhahe mana baruumsaa Miniliik Lammafaa keessatti barsiisaa Fiiziikis akka ta’an ibseera.

Paartiin mormitootaa kun sirna yaadannoo injifannoo waraanaa Aduuwaa wagga 127ffaa kabajuudhaaf namoottan Addabaabayii Miniliikitti argaman irratti umnoottan mootummaa tarkaanfii barbaachisaa hin taanee fayyadamaniiru jechuudhaan balaaleffateera.

Hordoftoonni Amantaa Ortodokisii mana Amntaa naannoo sana jiruu Goorgisii keessa turan irratis Poolisoonni gaazii nama imimaanesu fayyadamuu isaanitin kan ka’ee namoonii hedduun madaa’uu isaanii paartiichi ibsa baaseen eerera.

Komishiiniin mirgaa namoomaa Itiyoophiya gama isaatiin dhimma kana irrati ibsa kenneen, haanga’oonni umnootaan seera kabajichiisanu itti gafatamuu akka qaban ibsee jira. Itti gaafatamaan Komishiinichaa Daani”eel Beqqele, umnoottan nageenyaa namoottan reebuu, gaazii namaa imimaanesuu fayyadamuu rasaasa Pilaastiikii fi dhugaa gargaaramuu dabalatee tarkaanfii madallawaa hin taanee fudhachuu isaaniitiin kan ka’ee maangudootaa fi ijoolleewwan irratii meedhaan qaqqabee, lubbuun nama tokkoo immoo darbuu isaa ibsaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa kabajjii yaadannoo Injifannoo Aduuwaa issa Addabaayii Mililiikitti taasifame fi sirnaa Amantaa naannoo sanatti geggeesamaa turee jeequudhaaf gareewaan yaalan jiru jechuudhaan ibsa baasee jira.

Tajaajilli Kominikeshiinii Mootummaa ibsa baaseen mootummaan dhimmichaa akka qorataa jiruufi warren yakka raawatan irratti akka tarkaanifiin fudhatamu ibsuu isaa Kenedi Abaatee Finfinnee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG