Xurree ittiin seenan

Breaking News

Konferensiin Mootummaa Yeroofii Naannoo Tigiraay Hundeessuuf Geggeessame Miseensota Kaabinee Dhiheessuun Xumurame 


Tigray-Ethiopia map English
Tigray-Ethiopia map English

Yaa’iin, bulchiinsaa yeroo Tigraay keessatti hundeesuudhaaf guyyoottan lamaaf magaalaa Maqalee keessati tasifamaa ture tarree miseensa kaabinootaa qopheesuun isaa xumura yaa’ichjaa irrati ibsaa keennameen himameera.

Hogantootaa yaa’ichaa keessa tokko kan ta’an Liyaa Kaasaa oduu gabaastotaati akka himanitti taree kaabinootaa qophaa’ee kana keessatii paartileen mormiitootaa naanichaa keessaa jiran Afur akka itti makaman taasifameera.

Partilee mormiitootaa naannoo Tigraay keessa jiran afur keessaa lama, Paartiin Walabummaa Tigraayi fi paartiin Saalsawii wayyaanee Tigraay akka Kaabinee keessa seenanuuf waamichaa dhihaateef akka hin fudhanne beeksisaniiru. paartileen Lamman ibsa kennaniin Koreen Bulchiinsaa Yeroo dhaabuudhaaf hundeeffamee loogii iraa bilisa mitii jechuudhaan himataniiru.

Paartiin Dimokiraatawaa Asimbaa, bulchiinsii yeroo hundeefamuuf deemuu kessa olaantummaan ABUT jiraatuus kaabinee kessa galanii akka qabsaawan himanii jiru.

Paartiiwwan Mormiitootaa Tigiraay keessa jiran Saalsawii Woyyaanee Tigraay, Baayitoonaa fi paartiin walbummaa Tigraay adda waloo ummachuudhaan akka waliin hojachuuf karoorfatan ibsuun isaanii beekameeraa.

Yaa’ii kana irratti bakka bu’oonni paartiilee siyaasaa,kan dhaabilee Siiviik fi umnoottan Tigraay hirmaachuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG