Erga pezidaantin Tuunisiyaa lammiilee Afrikaa Saaraa gadii irraa gara biyya isaanii seenan irratti tarkaanfii fudhachuudhaaf dhaadatanii booda, biyyottan lixa Afrikaatti aragaman Giinii fi Ayivorii Koost lammiileen isaanii biyya Kaaba Afrikaa Tuunisiyaa keessaa fedhii isaaniitiin bahu barbaadan akka biyya isaaniitti deebisan ibsanii jiru.
Ministirri dhimmaa alaa Giinii Mooriisaandaa Ko’uyaatee, lamiileen Giinii 49 balalii xiiyaaraa addaatiin Roobii dheengaddaa galagalaa magaalaa gudichaa biyyatti Konaakirii seenuu isaanii ibsaniiru. Akka mootummaan Giinii dabalee jedheetti, namoonii 81 immoo biyyati deebi’uudhaaf darabee eggachaa jiru.
Haaluma walfakkaatuun, mootummaan Ayivorii koost , lamileen biyya isaa Tuunisiyaa keessa jiran 500 ta’an biyya isaaniitti deebi’aadhaaf fedhii agarsiisuu isaanii ibsee, daandiin xiyyaaraa biyyalesaa “AIR COTE D’IVOIR” akka namootan deebi’uu barbaadan Tunisiyaa keessaa kaasu ibsaniiru.
Gabaasinni barra 2021 bahae akka ibsutt,i lamiileen biyyoottan Afrikaa Saaraa gadii kuma 21 ta’an karaa Aljiiriyaa fi Liibiyaatiin Tuunisiyaa seenanii jiru.
Ji’a darbe prezidaantiin Tuunisiyaa Kaa’iis Sa’id, “ tarkaanfii attatamaa” jechuudhaan lammileen biyyoottan Afrikaa saaraa gadii hokkora, yakkaa fi hojiiwwan fudhatama hin qabnee irratii hirmaacha jiraachuu isaanii ibsanii akka tarkaanifiin irratti fudhatamuu ajjaja kennuun isaanii gabaasamera.
Forum