Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Mirga Namaa Ertiraa Keessaa Fooyya’ina Hin Argamsiisne: Gumii Mirga Namaa Kan Tokkummaa Mootummootaa 


FAAYILII- Namoonni naannoo baadiyyaa tokko irraa gara magaalaa dhihoo jirtu bakka raabsi nyaataa Waldaan Gargaarsa Tigraayiin hojjetamaa ture, naannoo magaalaa Agulaatti yeroo deeman, naannoo Tigraay, Caamsaa 8, 2021.
FAAYILII- Namoonni naannoo baadiyyaa tokko irraa gara magaalaa dhihoo jirtu bakka raabsi nyaataa Waldaan Gargaarsa Tigraayiin hojjetamaa ture, naannoo magaalaa Agulaatti yeroo deeman, naannoo Tigraay, Caamsaa 8, 2021.

Haalli mirga namoomaa Ertiraa keessaa yaaddessaa dhaa, mallattoo fooyya’iinsaa hin agarsisne jechuu dhaan gumiin mirga namaa kan Tokkummaa mootummootaa beeksisee jira. Biyyaattiin dhiittaa mirga namaa hamaa raawwachuu dhaan beekamti. Waajjirri keenya gabaasa qabatamaa kan dararaa, namoota walitti qabanii hidhuu fi haala manneen hidhaa hamtuu ta’e, namni humnaan butamee achi buuteen dhabamuu, yaada ofii walaba ta’anii ibsuun daangeffamuu fi mirgi wal ga’uu ugguramuu gabaasi isa ga’eera jedha gumiin kun.

Hidhamtoonni siyaasaa fi yaada sammmuu kumaan laka’aman kurnaawwaniif hidhamanii jiraachuun illee gabaasamee jira. Kana malees, namoonni sababaa amantii isaaniif doorsisi irra ga’uuf walitti qabamanii hidhamuun itti fufee jiraachuu isaaf hoogganoonni amantii fi duuka buutonni isaanii miidhamaa jiraachuun gabaasamee jira.

Lammiiwwan Ertiraa sababaa ijoon biyya irraa baqataniif tataajila biyyoolessaa maqaa jedhuuni. Akka gabaasa jarmayaa baqattootaa kan Tokkummaa mootummootaa ka xumura bara 2022tti, baqattoonni 160,000 Itiyoophiyaa keessaa dahata siyaasaa kan gaafatan yoo ta’u 130,000 kanneen ta’an immoo baqataa ta’uun Sudaan keessa jiraatu. Kunis kan waggaa darbee irra hanga tokko lakkoobsi isaa kan dabale yoo ta’u namoota umuriin isaanii 18-49 of keessaa qaba.

Dhiyeenya biyyoonni hangi tokko ka biroon lammiiwwan Eertraa dahata siyaasaa gaafatan humnaan biyya ofiitti deebisaa jiraachuun kan gabaasame ta’uu fi kunis kanneen deebi’an kana dhiittaa mirga namaa biyyattii keessaaf saaxila.

Ertiraan gama isheen kurna tokkoo ol kan lakkoofsise karaa kan moggaafamuun isaanii hin baarbaachisne karaa gabaastota addaa Eertraa irra waggoota lamaan darban ga’aa jiru doorsisi wal irraa hin cinne, ajandaa diinota irraa adda baafamee hin ilaalamu jettee jirti. Dhugumatti gabaasaan addaa kun qajeelfamni irratti fuuleffate erga sadaasa bara 2020 keessa TPLF waraana llabsee Eertraa yakkuu qabee asi jettee jirti.

Akkuma yaadatamu gabasaan addaa kun gabaasa isaa waggaa darbee keessatti Eertiraan loltoota ishee bobbaaste jechuun sobaan himatee jira jette.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG