Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Sambata darbe jechuun Bitootessa, kan walitti bu’iinsaan raafamte baha Koongootiif gargaarsa Yuuroo miiliyoona 34 ykn Doolaara miiliyoona 36 akka kennan waadaa kan seenan yoo ta’u, qaamnitattaaffii nagaa achitti taasifamu danquu barbaadu kam iyyuu qoqqobbiin isa mudachuu qaba jedhan.
Maakron kana kan dubbatan ennaa daawwannaa Ripaablikii Dimokraatawaa Koongootti geggeessan yoo ta’u Koongoon garee finciltoota M23 jedhaman Rewaandaan ni deggerti jechuun himatte.
Faransaay kanaaaawwan dura Tokkummaa Mootummootaa, Koongoo fi biyyoota biroo waliin ta’uun Ruwaandaan M23 deeggartee jirti jechuun himataa turan, garuu Maakroon ibsa gaazexeessitootaaf Kinshaasaa keessatti kennaniin, Ruwaandaa caalaatti cimsuun balaaleffatamuu akka qabdu gaafataniiru.
Adeemsi nagaa baatii Sadaasaa keessa Angoolaa keessattijaarsummaa humnoota naannootiin geggeessameen, hanga ammaatti lola kana xumuruu dadhabus, Maakroon garuu karoora kana irratti amantaa akka qaban dubbataniiru.
Warri karoora kana hin kabajne qoqqobbii dabalatee waan isaan mudatu ni beeku," jedhan.Mallattooleen waldhabdee tokko tokko boodarra ibsa gaazexeessitootaaf kenname irratti kan mul’atan yoo ta’u, kunis yeroo Maakroon bara 1994 irraa eegalee nageenyi dhabamuu Koongoo keessatti mul’ate irra caalaaf badiinbiyyattii dhuma akka ta’e yaada dhiyeessanitti ture.
Dhiifama jecha cimaa akkasiitiin dubbachuuf jedhanii, abbaa biyyummaa keessan deebisuu hin dandeenye jedhan. Koongoon daawwannaa Maakroon dura mormii xixiqqaaan isee mudatee jira.
Forum