Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mudannoon Yeroo Filannoo Obsaan Keessa Darbamuu Akka Qabu Naayjeeriyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Hubachiisan 


Deeggartoonni kaadhimamaa filannoo Piipls Demookiraatik Paartii Atikuu Abubakar mormii bahan, Abujaa, Naayjeeriyaa, Bitootessa 6, 2023.
Deeggartoonni kaadhimamaa filannoo Piipls Demookiraatik Paartii Atikuu Abubakar mormii bahan, Abujaa, Naayjeeriyaa, Bitootessa 6, 2023.

Naayijeeriyaatti Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteetis filannoo biyyoota Afrikaa dhiheenya kana gaggeeffame hordofuun ibsa dilbata darbe kennaniin, Lammiileen Naayijeeriyaa aaranii fi mufatan akkasumas kanneen injifannoosanatti gammadan hedduun akka jiran beeksisaniiru.

Meerii Beet Leenaard adeemsi qormaata filannoo kana ilaalchisee jiru furuuf seeraan hundeeffame daandii isaa akka qajeelchu akka hayyamamu dubbataniiru.

dimokiraasii heera mootummaa olaantummaa seeraatiin qajeelfameee jiru keessatti adeemsa filannoo mana murtii keessatti xumura itti gochuun quubsaa ta’uu hin danda’u kan , wal dhabdeen filannoo haala sirrii ta’een kan xumuramuu danda’u achitti jedhan. Komishiniin Filannoo Biyyoolessaa Walabaa kan Naayijeeriyaa, Bola Ahimed Tinubuu preezdaantii Naayijeeriyaa itti aanuu akka ta’an labse.

Dura taa’aan komiishinichaaMahmood Yakubu akka jedhanitti, kaadhimamaa paartii biyya bulchaa jiru kan ta’an Tinuubuu, erga Naayijeeriyaan biyya dimokraatawaa taatee as dorgommii akkaan cimaa ta’einjifachuuf sagalee gara miliyoona 8.8 argataniiru. Hoggantoonni paartii mormitootaa filannoo fakkeessaa ti jechuun mana murtii dhaqanii ba’ii isaa mormuuf waadaa seenaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG