Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Yukireen Naannoo Baakmuut To’achuun Gabaasame 


Taankii Yukireen gara dirree waraanaa deemaa jiru, Bakhmaat, Bitootessa 4, 2023.
Taankii Yukireen gara dirree waraanaa deemaa jiru, Bakhmaat, Bitootessa 4, 2023.

Yoo loltoonni Raashiyaa magaalaa baha Yukireen Baakmuut to’achuu danda’an, sun wal dhibdee kana keessatti jijjiirama murteessaa ta’e bakka hin bu’u jechuudhaan ministirri Ittisaa Yunaayitid Isteetis Llooyd Austin Wixata har’aa beeksisanii jiru.

Bakhmut bakka ji’ootaaf lola cimaa Raashiyaan naannoo Yukireen bulchiinsa Donetsk to’achuuf itti

geggeessaa turte. Austiin Wixatahar’aa akka jedhanitti, murtee Yukireen loltoota ishee gara dhiha magaalattiitti deebisuuf murteessite akka duubatti deebi’iinsa tarsiimoo Yukireenitti akka hin ilaalle dubbataniiru.

Akkasumas Wixata har’aawaraanni Yukireen, Raashiyaan diroonii Iraan-tti hojjetame fayyadamuun haleellaa haaraa raawwachuu gabaaseera.Ministeerri ittisa Yukireen tiwiitera isaa irratti akka barreessettihumnoonni isaa diroonii 15 keessaa 13 kuffisuu ibsee jira.

Gama biraatiin ammoo Ministirri Ittisaa Raashiyaa Sargee Sho’iguuwixata har’aa kibba Yukireen keessatti loltoota Raashiyaa fi waaltaa wal’aansa fayyaadaawwataniiru. Ministeerri ittisaa akka jedhetti daawwannaan Sho’igu Maripuulitti geggeessan, tattaaffii deebisanii ijaaruu to’achuuf jecha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG