Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Ivorii Koost  Tarkaanfii Fudhatamu Sodaa Tuniisiyaa Keessaa Ba’aa Jiran 


Lammiileen Ivorii Koost Tuuniziyaa jiraatanii fi gara biyyaatti deebi'uu barbaadan Imbaasii Ivorii Koost Tuuniziyaa keessatti argamuun haala eegaa jiran, Guraandhala 27, 2023.
Lammiileen Ivorii Koost Tuuniziyaa jiraatanii fi gara biyyaatti deebi'uu barbaadan Imbaasii Ivorii Koost Tuuniziyaa keessatti argamuun haala eegaa jiran, Guraandhala 27, 2023.

Erga hogganaan abbaa irree biyyattii akkaan hammaataa dhufe godaantota biyyoota Afrikaa uffee Sahaaraa gadii irraa dhufan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu gaafatee booda,Ivorii Koost lammiilee Tuuniziyaa gadhiisanii deemuu barbaadan gara biyyaatti deebisaa jirti,

Mootummaan akka jedhetti lammiileen Ivorii Koost gara 500 ta’an balalii daandii biyyaalessaa Air koot Divowaar Divoor jedhamuun deemuuf fedhii qabaachuu isaanii ibsuu dhaan, kudhnii ol kanneen ta’an immoolakkaa’aman Sambataa darbe buufata xiyyaaraa Abijaan ga’aniiru.

Tuuniziyaan kan biyyoonni hedduun qooddatan Afaan Faransaayi kan dubbattuu fi biyya Afrikaa Kaabaa Awurooppaatti dhihoo ta’uu isheetiin yeroo dheeraaf godaantota jireenya wayyaawaa barbaachaaf Afrikaa Dhihaa irraa dhufaniif bakkaqubsumaa taatee turte. Bara 2021 keessa godaantonni biyyoota Afrikaa uffee Sahaaraa gadii irraa gara kuma 21tti hedamanTuuniziyaa keessa jiraachaa kan turan yoo ta’u, irra caalaan isaanii Aljeeriyaa fi Liibiyaa irraa kan gamas seenan turan.

Ji’a darbe Pirezidaantiin Tuuniziyaa Kaayis Saayid akka jedhanitti, rakkoo godaantota seeraan alaa biyyoota Afriikaa uffee Sahaaraa gadii irraa dhufan furuuf “tarkaanfiiwwan hatattamaa barbaachisan, jeequmsa, yakka fi gocha fudhatama hin qabne baay’ee isaaniitiin dalagamu beeksisamuu qaba jedhan .

Deebii ariifataa karaa gara dippilomaasii, nageenyaa, waraanaa fi seera lammiilee biyya alaa irratti bahe cimsee hojii irra oolchuuf ajaja kennan. Biyyoonni Afrikaa Dhihaa Giiniis lammiilee Tuuniziyaa biyyattii gad dhiisanii deemuu barbaadan gara biyyaatti deebisaa jirti. Balaliin jalqabaa lammiilee Giinii 49 Kibxata galgala magaalaa guddoo biyyattii Koonaakriitti deebiisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG