Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Oomoo Kibbaa Keessatti Kanneen Hongeen Miidhamaniif Akka Gargaarsi Hatattamaa Dabalataan Dhihhaatu Hoogganoonni Godichaa Gaafatan   


FAAYILII - Marfata Suumudaa, magaala Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019
FAAYILII - Marfata Suumudaa, magaala Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019

Bakka bu’oonii Umataa mootummaa naannoo Sabaa fi sab-lamoota kibbaa Ityoophiyaa keessa jiran mootummaana gargaarsaa namoottan balaa hongeetin miidhamaa jiranuuf taasisu akka dabalu gaafachuun isaanii beekameera.

Mootummaa bulchinsa naannoo Sabaa fi Sablamootaa kibba Ityoophiyaatti bakka bu’ootaa saba godina Omoo kibbaa keessatti argaman kan Hamar fi Nyaangaatoom ta’an akka sagalee Amerikaatti himanitti, umanni isaan bakka bu’an kuma dhibbaa ol ta’an afaan beelaa keessa waan jiraniif gargaarsii atattamaa isaan barbaachisa jedhanuuru.

Akka bulchiinsi naanoo bakka rakinichii muudatee ibsetti, aanaa Hamer keessatti waggaa tokkoon darbe as beelladoonni manaa, keessuumaa looniwwan kumaatamaan lakkawaman balaa hongeetin dhumaniiru.

Karoorrii deebii gargaarsaa namoomaa/ HRP kan bara 2023 ibsa torban kana baaseen naannoowwan Oromiyaa , Bulchiinsaa sabaa fi sab -lamootaa kibbaa fi naannoo Somaalii keessatti beelladoonni Miiliyoonii 6.8 sababa hongeetin marga nyaatan dhabanii du’uu isaan beeksisuu isaa gabaasni Yoonaatan Zebidiyoos ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG