Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliiland Wal-mormsiistuu Taate Keessatti Wal-waraansa Deemaa Jiruun Namoonni 200 Du’uun Himame   


Waliti bu’iinsaa umnoottan bulchiinsa Somalilaandii fi Somaaliyaa giduutuu naannoo magaala Laas Anood keessatti taasifamaa jiruun namoonni 200 du’anii, kan dhiibbaan lakkawan immoo madaa’uu isaanii daarekteerri hospitaalaa Laas Anood ibsaniiru. Balaa Kanaan hospitaaloonni kan miidhaman yemuu ta’u, gareewwan lamman jalqabiinsaa lolochaatiif wal himachaa jiru.

Gabaasini Ahmed Mohaamed Moqaadishoo irraa VOA dhaaf erge kan waabeffate, Daarekteerri hospitaalaa Gargaar Dokteer Ismaa’il Mohaamud akka jedhanitti, namoottan lola taasifamaa jiruu sanaan madaa’an gara 1000ti kan siqan yemuu ta’u, 950n garuu kan addaan bahanii beekamanidha.

Akka daarekterichii dabalanii jedhanitti, umnoottan somaalilaand haleellaa raawwatanii dhaabanii fayyaa isaan hoggananuu caalaan isaa miidhameera.

Dhaabbataa mootummoota gamtoomaniiti manii maree nageenyaa mootummaa Somaaliyaa dabalatee gareewwan walwaraanaa jiraanu akka lolicha hin babaldhane waamichaa dhiheesuus, lolichii akka itti fufeetti jiraachuun isaa beekameera.

Walitii bu’insa erga jalqabamee ji’a tokko gahuuf deemu kanan waraanii Somaaliland Milishootaa gosaa wajjin magaalaa daangaa irratti argamtu Laas Anoodiin too’achuudhaaf lola cimaa taasisaa akka jiran gabaasamaa jira.

Waggoottan kurnan Sadii dura Somaliyaa irraa addaan kan baatee Somaalilaand bara 2008 kaasee magaalaa Laas Anood too’achaa kan jirtu yemuu ta’u, gosaaleen magalichaa fi naannoo jiraatan mootummaa federalaa Somaliyaa jala jiraachuu akka fedhan ibsaa turuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG