Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Kaabinee Isaanii Keessatti Jijjiirraa Taasisaniin Itti-aanaa Isaanii Dabalee Muudama Haaraa Kennan    


Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Sirlyii Ramaphoosaa, Keep Taawon, Afrikaa Kibbaa, Guraandhala 9, 2023.
Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Sirlyii Ramaphoosaa, Keep Taawon, Afrikaa Kibbaa, Guraandhala 9, 2023.

Sababa hanqinaa umna elektiriikaatiin kan ka’ee ji’a darbee labsii yeroo atattamaa kan labsanii turan prezidaantin Afrikaa kibbaa rakkinichaaf caalaatti furmaata kenuuf jechaa,namaa wagga 48 ogumaan injiineera ta’ani fi Kanaan duraa kantiibaa magaalaa gudichaa biyyatii kan turan Kigoosii’eeshoo Raamookigoopaa mistraa elektiriikaa haaraa gichuudhaan muuduu isaanii ibsaa televijiinii biyyatti irratti keenaniin beeksisaniiru.

Akkasumas , nama wagga 61 fi Kanaan duraa bareesaa muumee fi itti gaafatamaa dhimma maallaqaa Paartii biyya bulchaa jiru/ANC kan turan Pool Maashaatilee itti anaa Prezidaanti akka ta’an filataniiru.

Prezidaantii itti aanaa ta’uudhaan wagga Shaniif kan tajaajilan Deeviid Maabuuzaa ji’a darbee aangoo isaanii fedhiidhaan gad lakkisuun isaanii ni beekama.

Prezidaant Rammafoosaan ministeerotaa haaraa lama akka hundeesaan kan ibsan yemmuu ta’u, ministeeraa elektiriikaatiin alatti, ministeeraa hojii mootummaa karoorrsu, too’atuu fi madaalu haaraa dhaabuudhaaf akka murteesaan ibsuun isaanii maddi oduu Ajaans Fraans Prees gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG