Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Ittisaa Yunaayitid Iteetis Otuu Dursanii Hin Beeksisiin Iraaqii’n Daawwatan  


FAAYILII - Minisitri Ittisaa mootummaa Yunaayitid Isteets Liilooyid Oosten, Barliin, Jarman, Amajjii 19, 2023
FAAYILII - Minisitri Ittisaa mootummaa Yunaayitid Isteets Liilooyid Oosten, Barliin, Jarman, Amajjii 19, 2023

Minisitri Ittisaa mootummaa Yunaayitid Isteets Liilooyid Oosten qibxata har’aa Iraaqiin daawwachuu isaanii beeksisaniru.

Lilooyid Oosten kan iraaqiin daawwachuuf deemaan yemuu wagga 20ffaan Yunaayitid Isteets biyyattii weerartee mootummaa Saadaam Huseen fonqolchite kabajamuudhaaf torban lama hafutti.

Akka Iraaqiin gahaniin fuulaa tiwuutarii isaanii irratti ibsa kan kennan Ministirri Itisaa Yunaayitid Isteets, “kan an asti argamee, yemuu Iraaqi gara caalaa naga qabeettii, tasgabooftuu fi walaboomtuu taateet adeemaa jirtu kanatti walta’iinsaa tarsiimoo Yunaayitid Isteets fi Iraaqii giduu jiru irra deebiidhaan mirkaneesuufi” jedhaniru.

Yunaayitid Isteets yeroo amma Loltootaa Kuma Lamaa fi 500 ta’an kan loltootaa Iraaqii garee Isilaamiik Isteets jedhamuun lolaa jiranuf gorsa kennan Iraaqii keesaa akka qabdu gabaasameeraa.

Daawwannaan Liilooyid Oosten, torban tokkoon dura barreessaan muummee dhaabbata mootumoota gamtoomanii Antooniyoo Guuteres daawwana Iraaqiti taasisan hordofuudhaan yemuu ta’u, Antooniyoo Guuterees yemuu Iraaqiin daawwatan, egeree Iraaq keessaa nagaa fi badhaadhinni,akkasumas dhaabileen sirna dimokiraasii cicimoo ta’an akka jiraatan ummata Iraaqi wajjin tumsa gadi fageenyaa qabu hundeesuudhaaf waadaa seenuudhaan haasaa taasisun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG