Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Ugguura Midiyaa Hawaasaa Irraa Akka Kaasuu Gaafatame


FAAYILII - Namoota bilbila fayyadamaa jira.
FAAYILII - Namoota bilbila fayyadamaa jira.

Manni maree miidiyaa Itoophiyaa mootummaan uggura waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa irra kaa’e akka kaasu gaafatee jira. Manni marichaa ibsa baaseen, uggurri kun hojii miidiyaa onlaayinii gaggeeffamuu fi intarneetii irratti hundaa’e irratti dhiibbaa geessisaa akka jiru ibseera.

Gaazexeessitoonni gama isaaniitiin RSAf akka himanitti, uggurri kun hojii miidiyaa isaanii irratti dhiibbaa geessisaa tureera. Miidiyaa hawaasaa daangessuun labsii mirga odeeffannoo argachuu kan cabsu ta’uu ibsaniiru.

Haayyuu waa’ee intarneetii kan ta’an Dr. Asrat Mulaatuu RSAf akka himanitti, uggurri miidiyaa hawaasaa irra ka’amuu, walqunnamtii hawaasummaa fi sochii diinagdee damee mootummaa fi dhuunfaa irratti dhiibbaa uumeera.

Itoophiyaa keessatti, Guraandhala 12 bara 2023 irraa eegalee, waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa kanneen akka Feesbuukii, Yuu Tubii, telegraam fi Instagram daangeffamanii jiru jechuun Gabra Mikaa’eel Gabra Madhiin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG