Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Somaaliilaad Kuma Heedduun Gara Itiyoophiyaatti Dheessan


FAAYILII - Dubartootaa fi da'imman buufata namoota qehee irraa buqahanii keessa jiran, Somaalia, Fulbaana 20, 2022.
FAAYILII - Dubartootaa fi da'imman buufata namoota qehee irraa buqahanii keessa jiran, Somaalia, Fulbaana 20, 2022.

Somaaliyaa irraa kan addaan baate kutaa Somaalilaandii keessatti lola geggeeffamaa tureen kana ka’e, uummanni gara kuma 100tti tilmaamamu baqachuun gara Itiyoophiyaa naannoo baadiyyaa fagoo fi caamaan miidhame seenuu isaani,i Dhaabbanni baqattootaa kan Tokkummaa Mootummoota fi kan Ityoophiyaa Kibxata kaleessaa beeksisanii jiru.

Dhaabbanni baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa kun, aangawoota Doolo kannen fixee kibba baha biyyattii, kan magaalaa Finfinnee irraa kiiloo meetira 1,300 ol fagaattu wabeeffachuun akka gabaaseetti, Guraandhala 6 irraa eegalee namoonni 98,000 ol daangaa ce’aniiru jedhee amana.

Lakkoofsa ni mirkaneessina,'' jechuun daayreektarri olaanaa Tajaajila Baqattootaa fi kanneen baqaa Deebi'anii kan dhaabbata mootummaa Itoophiyaa Tesfahun Gobezay ibsanii namoota dhufan galmeessuu eegallee jechuun gaazexeessitootaaf ibsaniiru.

Kun naannoo bu'uuraalee misoomaa fi misooma hawaasummaa dhabee fi caama waggoota afuriif ture irraa dandamachuu isaa beekamaadha. Garuu ammallee namoota biroof yaaduu akka dandeenyu nutti agarsiisaniiru, jechuun Obbo Tasfaahuun ibsan.

Osoo nuti hin dhufin durallee isaan warra mana ofii keessatti bakka dahannaa isaaniif kennaa turan, nyaata xiqqaa isaan qaban waliin qooddachaa turan jedhan.

Hanga ammaatti baqattoonni 29,000 galmaa’uu isaanii Itiyoophiyaatti bakka bu’aan UNHCR Mamadou Dian Balde himaniiru. Lakkoofsi kun guddachaa jira, baayyee guddachaa jira,'' kan jedhan Diyaan Baalde, ''baay'inaan dubartootaa fi daa'imman'' ta'uu dubbataniiru.

Bakka dahannaa hin qaban, nyaata isaan barbaachisa, bishaan isaan barbaachisa, deeggarsa yaalaa barbaadu, kun immoo akkaan ariifachiisaa dha," jechuun ibsanii,isaaniis namoota baqattummaa kana keessa turuu barbaadan osoo hin taane gara mana isaanti deebi'uu barbaadu jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG