Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haallii Dubartoonni Keessa Jiran Ammallee Rakkisaa Ta’u Tokkummaan Mootummootaa Beeksisee Jira


FAAYILII - Daarektarri Olaantuu Dubartoota kan Tokkummaa Mootummoota Simaa Saamii Baahous
FAAYILII - Daarektarri Olaantuu Dubartoota kan Tokkummaa Mootummoota Simaa Saamii Baahous

Daarektarri olaantuun Dubartoota kan Tokkummaa Mootummoota Simaa Saamii Baahous Mana Maree gola naga eegumsaaf akka himanitti, ''haalli dubartootaa marfamaa keessa jira” jechuun dubbatan.

Gama teeknooloojii kan akka miidiyaa hawaasaa odeeffannoo barbaachisaa ta’e waliif qooduu fi deeggarsa walitti qabuu keessatti gahee akkuuma qabu, odeeffannoo sobaa babal’isuu fi dubartoota irratti jibba fi hokkara hammeessuun miidhaa dabalataa geessisaa jira jedhan.

Mootummoonni fi dhaabbileen dhuunfaa teeknooloojii akka dandeettii fi saffisiisaatti guddisuuf waliin hojjechuun murteessaadha jedhan.

Dubartoota Tokkummaa Mootummoota keessa jirru, erga weerarri Yukireen keessatti jalqabee fi erga Waraana Addunyaa Lammaffaa booda rakkoon baqattootaa guddaa Awurooppaa keessatti mudate reefuu waggaa tokkoo dabarree jirra.

Lammiileen Yukireen gara miliyoona 8tti dhiyaatan kanneen gara biyyoota biroo deemuuf dirqaman 100 keessaa harkii90 dubartootaa fi ijoolleen isaaniiti.

Haaluma walfakkaatuun, dubartoonni fi shamarran miliyoonaan lakkaa’aman kanneen achuuma Yukireen keessatti manaa fi qe’e ofii irraa buqqa’an keessaa 100 keessaa harka 68 ta’u dubartootaa fi shamarran akka ta’am Daayreekteerri olaantuun dhimmi dubartootaa kan Tokkummaa mootummootaa kun ibsanii jiru. Nagaa buusuun deebii tokkitti jiru ta’u isaa fi adeemsa nagaa fiduu kana keessatti hirmaannaa dubartootaa jiraachuu akka qabu ibsan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG