Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubartoota Keessumaa Biyyoota Arabaa Keessa Jiran Rakkoo Hamaaf Saaxilamoo Akka Tahan, Rogeeyyiin Waltajjii Addunyaarratti Dubbatan


Dubartoonni Afgaanistaan guyyaa dubartoota idil-addunyaa kabajuuf mirga isaaniif mormii dhageechisan, Kaabuul, Amajjii 8, 2023.
Dubartoonni Afgaanistaan guyyaa dubartoota idil-addunyaa kabajuuf mirga isaaniif mormii dhageechisan, Kaabuul, Amajjii 8, 2023.

Gareen rogeeyyii naannoo biyyoota Arabaa irraa dhufanii, walgahii Komishiina Haala Dubartootaa (CSW) isa magaala Niiw Yoork keessatti hirmaatan haalli dubartootaa biyyoota isaanii keessatti hammaataa dhufuu isaa akeekkachiisan.

Hoggantoonni haawaasaalee sivilii kun Kibxata kaleessaa ergama dhaabbataa Ayerlaandii kam Dhaabbata Tokkummaa Mootummootaan Bitooteessa7 qophaa’ee irratti gaazexeessitoota waliin dubbataniiru.

Rogeeyyiin kunneen miseensota Karama, jechuun kan caasaa gareewwan hawaasa sivilii fi aktivistoota biyyoota Afrikaa fi naannoo Arabaa 13 keessatti argaman yoo ta’u, dubartoonni dandeettii fi beekumsa akka qooddatan, akkasumas qaama sochii naannoo akka ta’aniif sadarkaa addunyaatti waltajjii i kan kennudha.

Walgahiin jaatamii torbaffaan Komishinii Haala Dubartootaa kun, Bitooteessa 6 hanga 17tti, Niiw Yoork keessatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, mata dureen isaas, “Kalaqaa fi jijjiirama teeknooloojii, fi barnoota bara dijitaalaa kan walqixxummaa saalaa galmaan ga’uuf dubartootaa fi shamarran hunda aangessuu kan jedhu ta’uun ibsamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG