Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonni Godinda Koonsoo Ka Naannoo Kibbaa Hongeen Miidhaman Gargaarsa Hatattamaaf Iyyataa Jiran 


FAAYILII Beeladota ongeedhan miidhaman, Naannoo Somaalee. Suuraa WFP irraa argame

Naannoo uummattoota kibbaa keessaa uummati kuma 227 ta’u gargaarsa midhaan nyaataa kan yeroo hatattamaa kan isa barbaachisu ta’uu bulchiinsi naannoo beeksisee jira.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinaa Keffenee chichaar VOAf akka ibsanitti kanneen gargaarsa hatatattamaa barbaadan kana keessaa kuma 137 ol ta’anitti beelli hammaatee jira. Aanaalee adda addaa keessaa namoota hongee dhaan miidhaman deggeruuf mootummoonni federaalaa fi naannoo gargaarsa yeroo hatattamaa kennan akka dabalan gaafataniiru.

Jiraattonni VOAf akka ibsanitti, gargaarsi nyaataas ta'e kan nyaataa hin ta’in argachaa akka hin turre jedhan.

Yeroon rooba walitti aansuun hin milkaa’in hafe shan naannoo ummattoota kibbaa godinaalee adda addaa keessatti balaa namoomaa hammeessee jira.

Karoorri Deebii Namoomaa Itiyoophiyaa bara 2023 akka agarsiisutti naannolee biyyattii hongee dhaan miidhaman keessatti namoota miliyoona 13tti dhaqqabuu irratti fuuleffatamee hojjetamaa jira jechuu dhaan Yoonaatan Zebidiwoos gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG