Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Waraanaa Somaaliyaa Hidhattoota Finxaaleyyii 13 fi Loltoota 5 Irratti Du’a Mure 


Hoteela hidhattoonni Al Shabaabin hidhata qaban to'atan, Moqaadishoo,Somaaliyaa, Hagayya 20,2022.
Hoteela hidhattoonni Al Shabaabin hidhata qaban to'atan, Moqaadishoo,Somaaliyaa, Hagayya 20,2022.

Manni-murtii Puuntlaand yakka siivilota irratti ajjeechaa raawwataniif jecha roobii kaleessaa finciltoota Islaamummaa 13 fi loltoota shan du’aan adabee jira. Ahimed Mohaammed Moqaadishoo irraa akka gabaasett Kan hanga tokko ofiin of bulchitu manni murtii waraanaa Puuntiland miseensota al-Shabab fi garee IS 13 du’a itti muree jira.

Manni murtichaa akka jedhetti loltoonni shanan adabbiii du’aa itti murame kun lammiiwwan Somaaliyaa ti. Waa’ee ajjeechaa sanaa garuu mana murtichaan ibsi bal’aan hin kennemne.

Loltuun ja’affaan balleessaan itti murame, erga maatiin namoota ajjeefamanii kan gatii dhiigaa jedhamuun beekamu kaffalanii booda adaba du’aa irraa oolee jira.

Manni murtii Somaaliyaa ajjeechaa namaaf gumaan maallaqaan akka ba’uu fi mana murtiin ala dhimmi isaa akka dhumu ni eeyama. Gumaan sun bifa gaalaa-tiin baafama. Angawoonni Somaaliyaa waggoottan darbe garee al-Shabaab irratti waraana walii galaa ennaa bane, fincilotoota hedduu ajjeesanii jiran.

Loltoonni Somaaliyaa yeroo tokko tokko humna hammaa ba’aa fayyadamuu dhaan himatamaa turaniiru. Ji’a darbe manni murtii waraanaa Moqaadishootti argamu loltoota waraana Somaaliyaa lama ka biroo namoota nagaa ajjeesuu isaaniitiin du’aan adabee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG