Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Tuniiziyaa Waa’ee Godaantota Biyya Isaanii Keessaa Ilaalchisee Imaammata Loogii Sanyii Geggeessuu Haalan 


FAAYILII - Prezidaantii Tuniiziyaa Kaayis Saayid, Yaa'ii Gamtaa Awrooppaa fi Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf yeroo argaman miidiyaaf ibsa yeroo kennan, Brusles, Beeljiyam, Guraadnhala 17, 2022.
FAAYILII - Prezidaantii Tuniiziyaa Kaayis Saayid, Yaa'ii Gamtaa Awrooppaa fi Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf yeroo argaman miidiyaaf ibsa yeroo kennan, Brusles, Beeljiyam, Guraadnhala 17, 2022.

Prezidaantiin Tuuniisiyaa Kaayis Saayid godaantota biyyootii uffee Sahaaraa gad jiran irratti duula biyyaa ari’amuu, qe’ee irraa buqqa’uu fi haleellaa erga jalqabanii booda loogii sanyii oofuu jechuun komee irratti dhiyaate haalanii jiran.

Baatii darbe Saayid, angawoonni biyyattii koolu-galtummaa seraan alaa hambisuuf jecha tarkaanfii hatattamaa akka fudhatan ajajanii turan. Ragaa utuu hin dhiyeessin akkaataa baay’ina uummata Tuuniisiyaa jijjiiraa jira jechuu dhaan hojiin yaddaa hojjetamaa jira jechuun himatan.

Koolu galtoonni yakka biyyootii Afriikaa kaabaa irra jireessa keessatti hojjetamuuf itti gaafatamu jechuun illee himatanii jiran.

Koolu galtoonni dhibbaan laka’aman, erga prezidaantichi kana dubbatanii booda hookkara ka’uu mala jedhame jedhaa dheessuun Tuniisiyaa gad dhiisanii ba’uun biyya ofiitti deebi’anii jiran.

Gamtaan Afriikaa kana dura yaada Saayid kennan ilaalchisuu dhaan yaaddoo cimaa qabu ibsee, biyyoonni miseensota ta’an haasaa jibbiinsa sanyummaa irraa akka of qusatan gaafateera..

Lakkoofsi sirnaa akka agarsiisutti, , godaantotni waraqaa ragaa hin qabne kutaalee Afrikaa biroo irraa gara kuma 21 ta’an Tuniisiyaa keessa kan jiran yoo ta’u, biyyattiin uummata miliyoona 12 ta’antu keessa jiraata.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG