Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Teeknooloojii fi Barnoota Dijitaalii Keessatti Hirmaannaa Dubartootaa Guddisuun Murteessaa  akka Tahe Hubachiise


FAAYILII - Walgahii dubartoota hojii teeknoolojii irratti hirmaannaa qabanii, Akraa, Naayjeeriyaa
FAAYILII - Walgahii dubartoota hojii teeknoolojii irratti hirmaannaa qabanii, Akraa, Naayjeeriyaa

Mata duree "DigitALL: Innovation and technology for gender equality" jedhuun, Tokkummaa mootummootaan yaadatamee kan oole guyyaan Dubartoota sadarkaa addunyaa kan bara 2023, barbaachisummaa teeknooloojii hunda hammatee fi jijjiirama fidu akkasumas barbaachisummaa barnoota dijitaalaa cimsee ibseera. Pireezidaantiin gumii walii galaa kan Tokkummaa mootummootaa 77ffaa Chaabaa Korooshii hirmaattotaaf haasawa dhageessisaniiru.

Korooshiin akka jedhanitti guyyaa dubartoota addunyaa kabajuu fi kalaqaa saala giddu galeessa godhate, barnoota dijitaalaa, fi teeknooloojii ilaalchisee waamicha dhiyeessitanitti dabalamuu kootiif gammachuutu natti dhaga’ama.

Galma keenya misooma waariinsa qabuu akka itti milkoofnu yoo abdanne, guddinni gama kanaan jiru qiyyaafata keenya guutuu argachuu qabu jedhan. Korooshiin itti dabaluu dhaan bara 2050tti hojiin dhibba irraa harki 75 saayinsii, teeknooloojii fi hojii maandisummaa fi herregaa waliin kan wal qabate ta’uuf jiru jedhan.

Haasaa isaanii itti fufuu dhaan dubartoonni interneetii fayyadaman dhibba irraa harka 57 qofa jedhan. Dhugaan kun qormaata fuula duratti nu mudachuuf jiru mul’isa. Akkasumas carraan guddaan kankalaqaa fi teeknooloojii, seenaa dubartootaa fi shamarranii bara 2030tti saffisaan jijjiiruuf dhiyeessu ilaalchisee ibsamuuf jira.

Muummichi barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guterees akka jedhanitti, hookkarri jamaa toora interneetii irratti raawwatamu “kallattiin dimokiraasii irratti haleellaa kan raawwatu yoo ta’u, bu’a qabeessa ta’ee dubartoota adda baasuun aangootti akka hin dhufne gochaa jiraa, akkasumas hawwii shamarran geggeessitoota ta’uuf qaban dhaamsaa jira. Itti dabaluu dhaanis haala dijitaala amansiisaa ta’e umuu fi namoota nama dararan, miidhaa geessisanii ilaalchisee waltajjii dijitaalaa itti gaafatamoo isaan taasisu uumuuf tarkaanfii fudhachuu qabna jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG