Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiil Baayiden Dhiironni Mirga Dubartootaaf Tumsuu Akka Qaban Hubachiisan 


Giifti dureen Yunaayitid Isteetis Jiil Baayiden badhaasa dubartoota cimoo kan  sadarkaa addunyaa “ International Women of Courage Awards” jedhamu kenname  irratti haasaa yeroogodhan,Waasdhingitan Diisii, Bitootessa 9, 2023.
Giifti dureen Yunaayitid Isteetis Jiil Baayiden badhaasa dubartoota cimoo kan  sadarkaa addunyaa “ International Women of Courage Awards” jedhamu kenname  irratti haasaa yeroogodhan,Waasdhingitan Diisii, Bitootessa 9, 2023.

Giifti dureen Yunaayitid Isteetis Jiil Baayiden Roobii kaleessaa garee dubartoota addunyaa irraa, kanneen hoggantoota Iraan irratti mormii dhageessisaa turan dabalatee, mirga isaaniif falmachaa osoo jiranii cimina isaan agarsiisan jajuu dhaan dhiironni dubartoota waliin michuu ta’anii kaayyoo isaanii keessatti akka isaan deeggaran gaafataniiru.

Dubartoota dubbachuuf fedhii qaban akkuma nu barbaachisu, dhiirota dhaggeeffachuu fi hojiin agarsiisuuf fedhii qaban baay'ee nu barbaachisa, jedhan giiftii dureen kun.

Yeroo obboleettonni isaanii miidhaman ykn duubatti hafan dhiironni walii walii isaanii itti gaafatamoo taasisan hedduu nu barbaachisa,” jechuun sirna Waayit Haawus bara 2023 badhaasa dubartoota cimoo kan sadarkaa addunyaa “ International Women of Courage Awards” jedhamu kenname irratti kana dubbatan. Dhiirota maatii guddisan, kan sooranii fi barsiisan fi gorsan, hawaasa nageenya qabu ijaaran baay’ee nu barbaachisa. Dhiirota kunuunsi, tumsi fi gaarummaan mallattoo dadhabina osoo hin taane mallattoo cimina akka ta’e beekan baay’ee nu barbaachisa jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG