Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Itiyoophiyaa fi Niijeriin Daawwachuuf Jiran  


FAAYILII- Ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antoonii Biliinken
FAAYILII- Ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antoonii Biliinken

Ministirri dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Biliinken Bitootessaa 14 hanga Bitootessa 17, bara 2023tti Ityoophiyaa fi Niijeeriin daawwachuuf akka jiran jiran, waajirri isaanii ibsa baaseen beeksisee jira.

Akka ibsi minsteraa dhimma alaa Yunaayitid Isteetis, Antoonii Biliiken Bitoottesaa 15 bara 2023 Ityoophiyaa ka dawwatan yoo tahu, dhimma deemsa waligaltee nageenyaa fi dhimma murtii-haqaa ce’uumsaa Kaaba Itiyoophiyaa irratti aanga’oota mootummaa Ityoophiyaa waliin marii taasisuuf jiran.

Dhaabbatoota gargaarsa namoomaa fi hawwasaa sivilotaa wajjinis dhimma gargaarsaa namoomaa, wabii nyaataa fi mirga namoomaa irratii akka mari’achuuf jiran kan ibsame, Antoonii Biliken, barreesssaa Koomishinii Gamtaa Afrikaa Muusa Faakii Mohaamati wajjin wal arguun wa’ee jijjiramma qilleensaa fi wabii nyaataa irratti akka mari’achuuuf jiranis beekameera.

Bilinken daawannaa yeroo duraaf Niijeritii taasisaniin Bitootesaa 16 Prezidaantii biyyatii Mohaamed Baazoo’umaa fi ministira dhimmaa alaa Bittayii Haasoo’umii Maasaa’ooduu wajjin akka wal argan himamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG