Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoota Gara Haawaasaatti Makuu Fi Gad-Dhaabuun Jalqabamuu Koomishiniin Haaromsa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Beeksise   


Faayilii- Maqalee
Faayilii- Maqalee

Sochiin hidhatootaa garaa nagaatii deebi’an deebisanii dhaabuuf hawaasatti makuu jalaqabamuu isaa komishiiniin haaromisaa biyyaaleesaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.

hogganaan Komishiinichaa Ambaasader Teshoomee Togaa Magaala maqalee keessatti ibsa kennaniin akka jedahnitii, sochiin hidhatee loltootaa duraanii deebisanii dhaabuu naanoo Tigraay, Beenshaangul, Amaaraa, Affaar, Oromiyaa fi Gambeelaa keessatti taasifamuu namoottan kuma 200 hanga kuma 300 ta’an irratti kan xiyyeefateedha.

Akka komishineerichii jedhanitii harkii caalaan hidhatootaa deebisanii hawaasaa keessattii makuu kan taasifamu naannoo Tigraay keessati. Akka komoshiiniichii ibsetti waltajjinn marii biyyaalesaa waa’ee hidhattootaa naannoo Tigraay meeshaa waraanaa hiikachiisuu fi hawaasatti makuu irratii xiyyeefate taasifamaa jira.

Ambaasader Teshoomee Togaa Maqalee keessatii ibsa gabaastotaaf kennaniin, waltajiin marii kan qophaa’ee qoodaa fudhatootaa,hawasaa fi caalati immoo wareen hidhatoota turan gidduuti hubannoo humuudhaaf akka ta’e ibsaniiru.

Hidhatootaa ABUT ta’uudhaan wareen lolaa turan ergaa waligalteen nageenyaa mallateefamee booda , karaa ittisa biyyaatiin gargaarsii taasifamaaf akka ibsameera. Hojjattoonni mootummaa naannoo Tigraay ergaa bulchiisnii yeroo hundeeffamee boodaa gara hojii isaaniitti akka deebi’an gabaasameera.

Walgahicha irratti miseensii koree hojii raawachiiftuu ABUT Geetaachewu Raddaa kan hirmaatan yemmuu ta’u, Tigraayiin deebisanii ijaaruu keessatii loltootaa duraanii gara jireenyaa isaaniiti deebisanii dhaabuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

Komishinee biyyalesaa wagga lamaaf turu kanaaf Dokteer Atinkuut Mezigebuu Tigraay irraa itti aanaa ta’uu isaaniitiif erga walwaraansii wagga lamaa dhaabbatee as dhaabata mootummaa feederaalaa keessatti taayitaa qabachuudhaan haanga’aa naannoo Tigraay isa jalqabaa ta’uu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG