Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eega Waliigaltee Pritooriyaatii As Waaghimiraa Ka Naannoo Amaaraa Keessatti Dubartoota 20 Tu Rakkina Dahumsaa Irratti Du’e Jedhame     


PUBLIC DOMAIN- WAG HEMRA ETHIOPIA
PUBLIC DOMAIN- WAG HEMRA ETHIOPIA

Naannoo Bulchiinsa Amaaraa keessatti bulchaa olaanaan godina Waag Himiraa akka ibsanitti, ergaa waliigalteen Afrikaa kibbaa mallateeffamee as aanaawwan too’annoo ABUT jala jiran kessatti dubartoonni 20 rakkinaa dahaan irratti isaan muudateen walqabatee du’uu isaanii ibsaniiru.

Buchaan Godina Waag Himiraa Sibuu Gebeyaawu akka Sagale Amerikaatti himanitti, dubartoonii kun kan du’an anaale Abergellee fi Tsigaabhijjii keessati. Akka bulchaan aanichaa dabalanii jedhanitti, sababa walwaraansaatiin,namoottan qe’ isaanii irraa buqa’anii godinichaa keessaa qubatan kuma 68 ol ta’an haala hokkoraa fi dhukuubaa isaan saaxiluu keessatti argamu .

Prezidaantiin Bulchiinsaa naannoo Amaaraa Dr. Yiliqaal Keffaalee anaalee lamma ABUTn qabamanii jiran irratti akkaataa waligaltee Afrikaa kibbaatiin mootummaan feederaalaa mootummaa naannoo Tigraay wajjin dubbachaa akka jiru ibsaniiru.

Gama biraatiin mannii maree mootummaa naannoo Amaaraa walgahii Idilee marsaa 5ffaa magaalaa Baahir Daar keessatti jalqabuu isaa Asteer Misgaanaawu gabaasteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG