Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rippubilikii Dimookiraatawaa Koongoo Keessatti Hidhattoonni Namoota 36 Ajjeesan      


FAAYILII- Humnootii Koongoo Muddee 14 bara 2021
FAAYILII- Humnootii Koongoo Muddee 14 bara 2021

Baha Repablikii Demokraatawaa koongoo keessatti milishoonii gareewwan hidhatootaa Islaamiik Isteets wajjin hidhata qaban dhukaasaa bananiin namoottan 36 ajjeesuun isaanii waraanii biyyatti beeksiseera.

Namoottan haleellaa sana irraa baraaraman akka jedhanitti hidhatoonni garee walta’iinsa Umnoottan Demokiraasii ykn ADF jedahmuu bulchiinsaa Kiivuu Kibbaa bakka Mukoondii jedhamutti kan siviilota irratti haleelichaa raawwatan.

Haanga’oonnii waraanaa fi siyaasaa kutaa Beenii akka oduu gabastotaf ibsa kennaniin, gochichaa kan raawwate garee dhidahtootaa ADF jedhamu akka ta’e mirkanesaniiru.

Bahaa koongoo keessatti waggootan kudhaani ol gareen hidhatootaa adda addaa 120 ta’an hidhatanii wal lolaa jiruu. Isaan keesaa ammii tokkoo aangooidhaaf, kaan immoo qabeenyaaf, wareen kaan immoo hawaasa isaanii haleella irraa eeguudhaaf hidhatanii socho’aa akka jiran gabaasameera.

Dhaabanni mootumoota gamtoomanii fi gareewwan mirga namoomaaf falaman gareen hidhatootaa ADF jedhamuu siviilotaa irratii xiyeefachuudhaan ijooleewan dabalatee dirqiin gudeeddii, gocha umnaan butuu akka raawachaa jiru ibsanii jiru.

Mootummaan yunaayitd Isteets nama odeeffannoo hogganaa garee Sanaa Seekaa Muusaa Baaluukuu kennuu danda’uuf badhaasa doolaara miiliyoonii Shan akka laatuu jalqaba ji’a kanaa ibsuun isaa beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG