Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministiraa Seenegaal Duraanii Hidhaman 


FAAYILII-Muummicha ministiraa duraanii Senegaal Cheikh Adjibou Soumare
FAAYILII-Muummicha ministiraa duraanii Senegaal Cheikh Adjibou Soumare

Muummichii ministiraa mootummaa Seenegaal duraanii Che’ikih hajiibuu So’umaaree , waa’ee prezidaantiin biyyatii yeroo ammaa Makii Saal, nama siyaasaa beekumtuu biyyaa Faransaay maallaqaan degeruu isaanii irratti gaaffii dhihesanii boodaa qabanii hidhamuu isaanii abukaatonni isaanii ibsaniiru.

Yemuu mootummaa Prezidaantii Seenegal duraanii Abdulaahyee Waadee ministiraa Baajataa, boodas bara 2007 amma 2009 muummee ministiraa mootummaa Seengaal kan turan So’umaareen kan Poolisootaan too’ataman kamisaa kaleesaa ta’uu isaa ajaans Fraans Prees/AFP gabaaseera.

Akka gabaasnii jedhutti, So’umaareen dhuma torban darbee Xalayaa prezidaanti biyyatii yeroo amma, Maakii Saaliif barreesaniin, mootummaan isaanii nama siyaasaa biyya Faransaay kan ta’anii, Filannoo prezidaantummaaf kan dorgomaa turanf gargaarsaa doolaaraa miiliyooni 12.7 ykn Yuuroo Miiliyoonii 12 keenuu isaa irratti gaafii dhiheesanii turan.

Nammii siyaasaa biyyaa Faransaayi beekamtuun Maariin Lee peen barana Amaajii 18,2023 Maaki Saalii wajiin kan walargan yemuu ta’u, mootummaan Seenegaal qibxata dheengadaa ibsa kenneen gargaarsii maallaqaa taasifamee akka hin jirre ibsuun isaa gabaasameera.

Gareewwan mirgaa namoomaaf falamanuu fi mormitoonni yemuu filannoon seenegaal bara 2024 dhihaachaa dhufaa jiru kanatti, haalli mirga siviilotaa seenegaal keessa jiru yaaddesaa ta’aa jira jechuun isaanii gabaasameera.

Prezidaantin Seenegaal kan amma ta’uudhaan jalqaba bara 2012, boodas bara 2019 kan filataman Maakii Saal heera biyyatti cabsuudhaan yeroo sadaffadhaaf filannoo bara 2024 irratti hirmaachuufi dhiisuun isaanii akka hin mirkanoffnee AFPn gabaaserra.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG