Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaatuun Ministaraa Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Waa'ee Daawwannaa Biliken Itiyoophiyaa fi Niijeeritti Taasisan Ibsa Kennan  


Faayilii-Molii Fii
Faayilii-Molii Fii

Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken torban dhufu kana daawwannaan Itiyoophiyaa fi Niijeritti taasisuuf jiran biyyi isaani xiyyeeffannaa Afrikaaf kennitee jirtu kan agarsiisu tahuu minisririchatti gargaartuun ministaraa ka dhimmoota Afrikaa Molii Fii beeksisanii jiran.

Daawwannaa Ministarichaa ilaalchisuudhaan telekoonferensiidhaan ka gaazzexeessotaaf ibsa kennan Ms. Fiin Prezidaant baayiden baatii Sadaasa dabree hoogganoota Afrikaa Waashingtonitti keessummeessuu isaanii, aangawoonnii fi lammiileen kabajamoon Yunaayitid Isteetis danuun gara Afrikaatti imaluu isaanii, kanneen keessaas giifti-dureen biyyattii Jil Baayiden, ministarittiin maallaqaa Jeeneet Yelen fi Tokkummaa Mootummootaatti ambaasaddarri Yunaayitid Isteetis Liindaa Toomaas Giriin-Fiild haga tokko tahuu hubachiisanii jiran. Aangawoonni hedduun hariiroo sana cimsuu fi bal’isuudhaaf akka itti fufanii garasitti imaluuf jiranis dubbatan.

Itiyoophiyaa keessatti akka nagaan bu’u, Bilinken eega hojii isaanii jalqaban irraa kaasanii xiyyeeffannoo itti kennuudhaan hojjechuu isaanii kan eeran Moolii Fii, carraaqqiilee Afrikaa Kibbaa fi Keeniyaa keessatti godhamaniin walta’insa Onkoloolessa 23 Piritooriyaa keessatti mallatteessame keessatti Yunaayitid Isteetis qooda guddaa fudhachuu ishee ibsan. Daawwannaan amma Biliken Itiyoophiyaatti taasisuuf deeman haala nageenya sana daranuu jabeessu uumuuf ka gargaaru tahuullee eeran.

Ameerikaan Itiyoophiyaa waliin seenaa hariiroo cimaa akka qabdu kan yaadachiisan Mooliin, “lammiilee isaanii guddisuuf, akkasumas dhimmoota godinaa sanaa keessattis hafuura itti gaafatamummaatiin hirmaachuudhaan, gochaa faayida-qabeessa hedduu raaw’achaa jiru,” jedhan. Kanaafis, jedhan, gargaartuun ministaraa Yunaayitid Isteetis kun, “kan guddina isaanii fi dhiibbaa isaan godhan kan madaalu dantaalee Afrikaa keessatti qabnuu fi murannoo arditttiif qabnu ka madaalu, hariiroo tolfachuu feena.

“Tahus, hariiroon sun gara fuul-duraatti akka tarkaanfatu taasisuuf waraansi dhiheenya kanaa dabalatee kanneen biyyattii waggoota kurna hedduuf biyyattii gara boodaatti harkisan hookkarawwan sab-lammootaa keessaa bahuu qabdi,” jedhan, Moolii Fii.

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimed, walga’ii Yunaayitid Isteetis fi hoogganoota Afrikaatiif yeroo gara Waashingtan dhufanii turanitti, ministara dhimma alaa Bilinkenii fi gorsaa dhimma nageenyaa Ameerikaa Jeek Sulivaan wajjiin mariiwwan “gaarii dha” jedhan taasisuu isaanii fi achii boodas aangawoonni Yunaayitid Isteetis warra Itiyoophiyaa waliin duraa-boodaan wal-argaa turuu isaanii ibsanii jiran. Daawwannaan Bilinken torban dhufu taasisan walta’insa lola sana dhaabsise keessatti hoogganoota gahee ijoo taphatan galateeffachuu kan of keessaa qabu tahuus Ms. Fiin hubachiisanii jiran.

Loltoonni Ertiraa ammallee naannoo daangaa Itiyoophiyaa bakkawwan hedduu akka jiranii fi milishaan Amaaraas Tigiraay Lixaa fi Kibbaa keessaa lafa hedduu qabatanii akka jiran dhaabbatoonni gargaarsaa fi dippiloomaatonni akka dubbatanii fi Bilinken kana ilaalchisanii waan gochuuf yaadan yoo jiraate yoo beeku tahe kan gaafataman Moolii Fii, ministarichi mariiwwan ammaan dura aangawootta Itiyoophiyaa waliin taasisaniin irratti dhimma kana kaasuu isaanii dubbatan. Hanga beekanitti Tigiraay Kaabaa keessaa lolli dhaabachuu isaa, loltoonni Ertiraa lakkoobsaan baay’ee tahan Tigiraay Kaabaa keessaa bahuu isaanii, kan akka waliigaltee sanaatti hundeffame qaamni dhimma sana hordofuu fi mirkaneessu kan Gamtaa Afrikaa mirkaneessuu isaa dubbatan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG