Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti-aantuu Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Afrikaatti Imaluuf Jiran


Itti aantuu pirezidaantii Yunaaytid Isteetis Kamalaa Haaris , Muunik, Jarmanii, Guraandhala 17, 2023
Itti aantuu pirezidaantii Yunaaytid Isteetis Kamalaa Haaris , Muunik, Jarmanii, Guraandhala 17, 2023

Itti aantuun pirezidaantii Yunaaytid Isteetis Kamalaa Haaris dhuma baatii keessa jirru Bitooteessatti torban tokkoof, gara Afrikaatti imaluuf karoorfatanii jiru. sababiin isaas Ameerikaan Chaayinaa caalaa ardii kanaaf michuu fooyyooftu ta’uu ishee agarsisuu waan barbaadduuf jedhamee jira.Waajjirri Haaris Imalli kunis gara Gaanaa, Taanzaaniyaa fi Zaambiyaatti akka ta’e waajjirrii Haariis ibsee jira.

Daawwannaan kun imala kanaan dura giiftii duree Amerikaa Jiil Baayiden fi Ministirrittiin Maallaqaa Jaaneet Yelen gara ardii Afrikaatti gaggeessan hordofee dhufe. Preezdaant Joo Baayiden dhuma bara kanaa gara Afrikaa ni imalu jedhamee eegama.

Imalli kun hundi hariiroo Amerikaan Afrikaa waliin qabdu hundee akka gadi fageeffatu irratti kan qiyyaafatee yoo ta’u, Chaayinaan ardii sana keessatti hojii invastimantii guddaa gaggeessaa akka jirtu ni beekama.

Haaris seenaa Amerikaa keessatti itti aantu pirezidaantii Gurraacha jalqabaa fi dubartii ishee jalqabaa aangoo kana qabatan ta’uun ilaalamuu.

Ajandaa Haaris dimokiraasii jajjabeessuu, haala qilleensaa madaqsuu, dinagdee dubartootaa humneessuu fi wabii nyaataa guddisuu kan dabalatu ta’a jedhamee jira.

Haaris pirezidaantota biyyoota sadan daawwachaa jirtu tokkoon tokkoon isaanii waliin wal arguun alatti, hoggantoota dargaggootaa, bakka bu’oota daldalaa, abbootii qabeenyaa fi miseensota Diyaaspooraa Afrikaa waliin haasa’uuf karoorfachuun isaanii ibsamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG