Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseennni Keenya Tigraay Keessaa Hojjetaa Turan Amma Lafa Jiran hin beeknu, Jedha Gamtaan Hojjetootaa Itiyoophiyaa  


FAAYILII - Maagaala Maqalee, Amajjii 5, 2020.

Gamtaan hojjettoota Konfedereeshinii Itiyoophiyaa, miseensonni isaa 70,000 dur industiriiwwan Tigraay keessatti hojjetaa turan amma eessa akka jiran hin beeknu jedhee jira.Pireezidaantiin konfedereeshinichaa obbo Kassahun Folo RSAf akka himanitti, gareen miseensota konfedereeshinichaa 21 of keessaa qabu, dhiyeenya kanaTigiraay keessatti daawwannaa gaggeessanii jiru.

Obbo Kassahun akka jedhanitti, gareen kun warshaalee gogaa Sheebaa fi kan dhagaa marbilii Semayata isa Tigraay magaalaa Wukroo keessatti argaman daawwachuun, guutummaan barbadaa’uu isaanii arguun isaanii ibsan.

Akka Obbo Kaasahun jedhanti warshaaleen lamaan kun madda galii hojjettoota kuma 1,800 turan. Kana malees, waajjirri isaanii hojjettoota isaa kuma 70 ta’an kanneen duraan industirii Tigraay keessatti hojjetaa turan amma eessa akka jiran hin beeku jedhan Kaasaahuun.

Kanaaf, konfedereeshinichi hojjattonni kun bakka isaan jiran akkasumas bal’ina waliigalaa gaaga’ama industirii Tigiraay keessaa mudate beekuuf qorannaa gaggeessuuf karoorfachuu Obbo Kaasaahun ibsanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG