Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiilli Tokkummaa Mootummootaa Daawwannaa Kongoo Keessatti Gaggeesse Xumure


Jilli Mana Maree Nageenyaa kan Tokkummaa Mootummoota Koongoo daawwate, Goomaa, Ripaablikii Deemookraatawaa Koongoo, Bitootessa 12, 2023.
Jilli Mana Maree Nageenyaa kan Tokkummaa Mootummoota Koongoo daawwate, Goomaa, Ripaablikii Deemookraatawaa Koongoo, Bitootessa 12, 2023.

Jilli Mana Maree Nageenyaa kan Tokkummaa Mootummoota Dilbata kaleessaa daawwannaa guyyoota sadiif Ripaablikii Deemookraatawaa Koongootti gaggeesse xumuree jira.

Yeroo kanattis ambaasaaddaroonni waldhabdee finciltoota M-23 ka’aa jiru dhaabuuf furmaata gama siyaasaa cimsuun barbaachisaa ta’u dubbatanii jiru.

Riphxee looltonni M-23 jedhaman dhuma bara 2021 kaasee erga deebi’ee bahee asitti bulchiinsa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo bulchiinsa Kutaa Kiivuu Kaabaa keessatti lafa bal’aa qabateera.

Guyyoota darban kan dhiyeenya kanaa keessas, tarkaanfachaa kan jiran yoo ta’u, daandilee magaalaa namoota miliyoona tokkoo ol qabdu Gomaatti walitti fidan kanneen daangaa Ruwaandaa irra jiran kutuuf sodaachisaa jiru.

Lolli humnoota Koongoo fi kan Ruwaandaan deeggarama jedhame M-23 gidduutti gaggeeffameen namoota 800,000 ol qe'ee isaanii irraa buqqa'uu isaanii Tokkummaan Mootummootaa Ibsee jira.

Jilli gola naga eegumaa kan Tokkummaa Mootummoota Kamisa darbe Kinshaasaa kan gahe yoo ta’u, kunis sambata darbe gara Gomaatti osoo hin imalin dura ture.

Gareen kun pirezidaantii Koongoo Feeliks Tshisekedii waliin kan wal argan yoo ta’u, Gomaa keessatti immoo, qondaaltota naannoo, hoggantoota siiviilii waliin mari'atanii mooraa buqqaatota daawwatan.

Tokkummaa Mootummootaatti Ambaasaaddarri Faransaay Nikolaas de Riviere, Dilbata darbe gaazexeessitootaaf kennaniin, riphxee looltonni M-23 naannoo qabate keessaa bahuu qaba.

Kana booda jedhan Ruwaandaan M23 akka deeggartu agarsiisuu hin barbaachisu" jechuun, namoonni idilee Ruwaandaas Kiivuu kaabaatti weerara gaggeessaa akka turan dubbataniiru.

Garuu waldhabdee kana furuuf karaan tokkicha mariin qofa akka ta'e aangawaan kun dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG