Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kufaatii Baankilee Amerikaa Lama Mudateen Rakkoo Dhufuu Malu Oolchuuf Akka Hojjetan Prezidaant Baayiden Dubbatan 


Pirezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baayd dhimma baankiilee muudate irratti haasaa yeroo godhanitti, Waashingitan, DIisii,Bitootessa 13,2023.
Pirezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baayd dhimma baankiilee muudate irratti haasaa yeroo godhanitti, Waashingitan, DIisii,Bitootessa 13,2023.

Pirezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baaydin waa’ee caasaa baankii ilaalchisee har’haasaa geggeessan. Kunis erga mootummaan kufaatii baankota gurguddoo lamaatiin rakkoo mudachuu malu to’achuuf yaaluun tarkaanfii fudhatee booda.

“Ummanni Ameerikaa fi daldaltoonni Ameerikaa maallaqni baankii isaanii keessaa qaban yeroo isaan barbaachisutti akka jiru amantaa qabaachuu danda’u,” jechuun Baayiden ibsa Dilbata kaleessaa galgala kennaniin dubbataniiru.

Namoota jeequmsa kanaaf itti gaafatamoo ta.an, guutummaatti itti gaafatamummaa jala galchuu akkasumas, to’annoo fi dambii baankota gurguddoo cimsuuf tattaaffii keenya itti fufuuf kutannoo cimaa qaba jedhan Baaydin.Kunis akka nuti lammata haala kana keessa hin seenneef jedhan.

Ministeerri Maallaqaa kan Yunaaytid Isteetis ibsa Dilbata kaleessaa baaseen akka jedhetti, kuufamtoonni Baankii Silicon Valley kan Kaalifoorniyaa fi Baankii Signature kan New York keessatti argamutti maallaqa isaanii hunda wiixata har’a maallaqa isaanii akka argatan ibseera.

To’attonni kunneenis kufaatii baankilee lameen waliin walqabatee, kaffalaa dilaalaa akka hin baafamne himaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG