Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antonii  Blinken Itiyoophiyaa Fi Nijeriin Daawwachuuf Gara Afrikaatti Qajeelan  


FAAYILII - Ministara Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets, Antoonii Biliinken, Niiw Delii, Indiyaa, Bitootessa 2, 2023

Ministarri dhimma alaa yunaayitid Isteets Antoonii Biliinken, daawwaanaa biyyoottan Afrikaa Lama keesaatti taasisan yemuu jalqaban kanatti kaayyoon daawwanaa isaanii dhiibaa Chaayinaan Afrikaa keessatti taasisaa jirtuun walqabatee karooraa Yunaayitid Isteets qabdu jabeesuudhaaf akka ta’a oduun Ministeera dhimmaa alaa mootummaa Yunaayitid isteets irraa bahe beeksiseera.

Antoonii Biliikeen daawwanaa isaanii Ityoophiyaa fi Niijeer keessatti taasisan jalqabuuf wixataa kaleesaa galagala buuftaa xiyyaaraa Andriwus isaa kutaa Meeriilaand ti argamuu irraa yemuu ta’au dhaabannii isaanii inni jalqabaa Finfinneedhaa.

Turtii Ityoophiyaa keessati ijoon marii isaanii haanga’ootaa mootummaa waliin taasisan waa’ee waligaltee nageenyaa mootumaa feederaalaa fi ABUT giduutti taasifamee akka ta’e ibsamee jira. Antoonii Biliiken Muumicha ministeeraa Abiy Ahimadi fi bakka bu’ootaa bulchiinsaa naannoo Tigraayiwaliin akka marii taasisan himameera.

Dhimma Afrikaa irratti Itti aantuu Ministeeraa dhimma alaa mootummaa Yunaayitid Istyeets kan ta’an Moolii Fii daawwanicha ilaachisee ibsa kennaniin, Yuunaayiti Isteets hariiroo Itiyoopiyaa wajjin qabduu akka haaromsuu barbaaduu ibsaanii, hokkorri siyaasaa gosa irratti huundaa’e fi inni biyyatti waggoottan dheraa boodaatti hambise xumuraa argachuu qaba jechuun isaanii gabaasameera.

Dawwannaa isaanii kan Ityoophiyaa erga raawwatanii booddee garaa Niyaamiitti qajeeluudhaan , dhimmaa sochii farraa shororkeessuumaa irraatti haanga’otaa biyya Niijeer wajjin akka maryyatan kan ibsamee yemmuu ta’u, mariin isaan Niijer keessatti taasisan kutaa sochii Shororkeesitaatiin jeeqamaa jiru, kutaa Saahiils kan ilaallatu akka ta’e ibsameera.

Daawwanaan Biliinken Afrikaatti taasisan bara kana keessaa yemmuu haanga’oonni olaanoon bulchiinsa Baayiden garas deemman isa sadaffaadha.

Kanaan dura ministirri maalaqaa Jaaneet Yeelen, Dhaabata mootummoota gamtoomanitti ambaasadari Yunaayitid Istets Liindaa Toomaas Griin Fiild akka Sumas Giiftii Duree Jiil Baayiden akka Afrikaa turan ni yaadatama.

Itti aantuu prezidaantiin Mootummaa Yunaayitid Isteets Kamiilaa Haariis dhuma ji’a Bitootessaa kana Gaanaa, Taanzaniyaa fi Zaambiyaati daawwannaa Torban tokkoo akka taasisuuf deeman ibsameerra.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG