Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaaleen Boombii Al-Shabaab Somaaliayaa Keessatti Geggeesse  Aangawoota Kutaaleetti Xiyyeeffatan  


FAAYILII- Miseensota humna waraanaa Somaaliyaa naannoo Shabaleetti, Somaaliyaa, Muddee. 10, 2012. (Suuraa: Stuwart Prrayis / AU-UN IST / AFP)
FAAYILII- Miseensota humna waraanaa Somaaliyaa naannoo Shabaleetti, Somaaliyaa, Muddee. 10, 2012. (Suuraa: Stuwart Prrayis / AU-UN IST / AFP)

Somaaliyaa kibba kutaa Geedoo bakka Bardheer jedhamuutti balaa Boombii balleessanii baduu Qibxataa har’aa qaqqabeen namoonii du’anii, kaan immoo maadaa’uu isaanii jiraattonii VOA ti himaniiru.

Balaa bakkaa haanga’oonni bulchiinsaa naannoo walgahii taa’anitti qaqqabee Kanaan loltoonii mootummaa lama ajjeefamanii namoonii lakkoofsiin isaanii yeroodhaaf addan bahee hin beekamne immoo madaa’uu isaanii jiraatoonii sagalee Amerikaafiif ibsaniiru.

Gareen Hidhattootaa Somaaliya keessa Sochoo’aa jiru Al shabaab boombii konkola’ataa irraa dhooheen haleelichaa raawwachuu isaa ibsee, haanga’ootaa muutummaa walgahii taa’anii wa’ee sochii duulaa dhaabicha irratti taasifamuu maryachaa turan irratti tarkaanifii fudhachuu isaa karaa fuula Telegiraamiitiin odeeffannoo dabarseen beeksiseera.

Ji’a hagayyaa bara darbee kaasee dhiibbaa sadarkaa haawaasaatti taasifameen gareen Al shabaab lafaa duraan qabate hedduu kan dhabee yemuu ta’u, dhiibaa sana aaloo bahuudhaaf jedcha magaalotaa , hoggantootaa gosaa fi milishootaa naannoo irratti xiyyeefachuudhaan haleellaa adda addaa raawwachaa jira.

Guraandala 21 magaalaa moqaadishoo keessatti bakkaa umnoottan mootummaa gargaaranfi lola irratti madaa’an itti waldhanamaa jiran irratti Al Shabaab tarkaanifi fudhachuudhaan namoottan 10 kan ajjeesera. Bitootessaa 7,2023 immoo buufata waraanaa, Jaanaa kabdaallee jedhamuuf bakka magaalaa Kisimaayyoo irraa Kiiloomeetrii 60 fagaatu irratti haleelaa raayyachuudhaan yoo yarate loltoota Shan ajjeesuun isaa ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG