Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obomboleettin Jandoo Roobaa Makate Afrika Gama Kibbaa Keessatti Namoota 100 Ol Ajjeese 


Namoota obomboleettidhan miidhaman, Blantiyire, Maalaawwii, Bitootessa 14, 2023.
Namoota obomboleettidhan miidhaman, Blantiyire, Maalaawwii, Bitootessa 14, 2023.

Balaa obomboleetti roobaan walamakee biyyoottan kibaa Afrikaa rukuteen lubuub namoottan 100 ol darbuu isaa dhaabanni odeeffannoo Rooyiters gabaasee jira. Balaan Obomboleeti kun ji’a tokko keessatti yemmuu naanicha irratti midhaa geesisu inni amma isa lammataatti.

Balaan kun kan qaqqaabee biyyoota kibba Afrikaa Maalaawii fi Moozaambiik keesaati yemmuu ta’u, Maalawii keessatti namoottan 99 du’uu isaanii kan ibsee oduun Rooyiters, midhaan inni Moozaambiik keessatti geesisee guutuut akka ifa hin taane ibseera.

Akka doktooronni magaala Blaantaayer oduu gabbasotaati himaniitti namoottan du’anii allatti lammiiwaan Maalaawii madaa’an 200 ta’an hospiitaalaa seenuudhaan waldhaansa argataniiru.

Akka dhaabanii Meetirooloojii Adduunyaa jedhetti obombuleetiin Fereeddy Jedhamee moggafame kun kara kallatti kibbatii obomboleetotaa muladhatn keessaa isa cimaadhaaf kan yeroo dheraadhaaf tureedha.

Obomboleetiin kun Ji’a darbee Moozaabiik, Maalawii fi Maadagaaskaar keessatti yemuu muudatee lubuu namoottan 136 galaafatee ture. Akka dhaabanii mootumootaa gamtoomanii jedhetti, balaa kana hordoofuudhaan dhukuboonni bishaan irraa umaman namoottan irratti miidhaa dabalataa geesisuu danda’u. Maalaawii keessatti dhibeen Koleeraa hamaan muldhachuu isaas gabaasnii Mootummoota gamtoomanii kun eerera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG