Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rasaasni Pilaastikaa Poolisoonni Hiriira Bittinneessuuf Dhukaasan ka Miidhaa Geessisaa Jiru Tahuu Amnestii Internaashinaal Beeksise  


FAAYILII - Poolisoota gaazii nama imimmaanessu fayyadamani hiriira bittinneessan, Heeytii, Onkoloolessa 17, 2022.
FAAYILII - Poolisoota gaazii nama imimmaanessu fayyadamani hiriira bittinneessan, Heeytii, Onkoloolessa 17, 2022.

Rasaansni Laastikaa sadarkaa Adduunyaa irratti poolisoonii hiriiraa bittineesuuf fayyadaman miidhaa geesisaa jiraachuu isaa dhaabanni mirga namoomaatiif falmu Aminestii Internaashinaal ibseera.

Maddi oduu Ajaans Fraans prees Amnestii Internaashinaal waabefachuudhaan akka gabaasetti namottan hiriira nagaa bahan irratti rasaasni poolisoonii dhukaasan kun ija namootaa irra miidhaa geessisuu irraa darbee lubuun namootaa akka darbu taasisaa jira.

Amnestii Internashinaal waggaoottan shanan darbaniif biyyoottan 30 keessatti qorannoo taasiseen erga rakkina jiru hubatee booda, rasaasa kana irratti too’annoon caalaan akka taasifamuuf waamichaa dhiheeseera.

Akka Aminestiin jedhetti, rasaasa pilaastikaa, gaazii nama imimaanessu, dabalatee meeshaaleen namoottan bittinesudhaaf faayidaa irra olan, kibaa fi walakkeessa Amerikaa, Awurooppaa, walakkeesaa bahaa, Afrikaa fi Yunaayitid Isteets kessatti namoottan jiran irratti midhaa qaqqabsiisaa jiru.

Ji’a Onkoloolessaa Baraa 2019 kaasee biyyaa Chiilii keessatti qofa namooni 30 ol sababaa kanaan agartuu isaanii akka dhaban institiyutiin Biyyaalesaa kan mirga namoomaa beeksisee jira.

Kanaafuu meesheeleen poolisoonni hiriiraa bittinneesuutiif fayyadaman akka too’annaan adduunyaa irratti taasifamuuf hammi tokkos akka dorkamu Amnesitiin gaafatee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG