Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antonii Bilinkenii fi Itti-aanaa muummichi ministaraa Itiyoophiyaa Dammaqaa Mekonniin Mari'atan: Minsistrii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis


Ministirri Haajaa Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bliinken Itiyoophiyaa Daawwatan Bitootess 15, bara 2023
Ministirri Haajaa Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bliinken Itiyoophiyaa Daawwatan Bitootess 15, bara 2023

Ministirii Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetisiif dubbii himaa kan ta’an Need Praayis ibsa baasaniin akka addeessanitti, Ministirri Haajaa Alaa Amerikaa Antonii Blinken har’a itti aanaa muummicha ministeeraa fi Ministira Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Dammaqaa Makonnin waliin dhimmoota hedduu kan hariiroo biyyoota lameeniif akkaan barbaachisoo ta’an irratti mari’ataniiru.

Lameenuu hojiirra oolfama Waliigaltee lola diinummaa dhaabuu irratti kan mari’atan yoo ta’u waliigalteen kun biyyatti gama kaabaa keessatti nagaa argamsisuuf foyya’iinsa gaarii agarsiisuu isaa dubbatan, jedha – ibsi Ministirii Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis irraa bahe kun.

Kana malees hordoftoonni mirga namoomaa kan addunyaa naannoowwan walitti bu’iinsaan miidhaman danqaa tokko malee akka dhaqqaban akkasumas barbaachisummaa adeemsa haqaa fi ce’umsaa hunda hammatee fi hunda galeessa ta’ee, akkasumas ibsa karoora haqaa fi akkamitti akka Ameerikaan karoorichaaf deggersa gochuu akka dandeessu irratti mari’ataniiru, kan jedhu ibsi dubbi-himaa ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis kun, dhumarrattis waa’ee rakkoo diinagdee Itiyoophiyaa dubbachuu isaanii fi Somaaliyaa dabalatee dhimmoota naannoo barbaachisoo biroo gamaaggamuu isaanii beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG