Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Gargaarsa Namoomaa Haaraa Milyoona 300 Milyoona 31 Itiyoophiyaa Akka Kennitu Beeksiste 


US Secretary of State Antony Blinken
US Secretary of State Antony Blinken

Ministarri Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis har’a yeroo Itiyoophiyaa daawwataa jiran kanatti Akka lakkoobsa awurooppaatti bara 2023tti gargaarsa namoomaa haaraa Miliyoona 300 fi Miliyoona 31 karaa Ministirii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis fi Dhaabbata Misooma Idil-addunyaa Yunaayitid Isteetis, USAID Itiyoophiyaaf ka gumaachan tahuu beekisan.


Bilinken waajira isaanii, ka Ministrii Dantaa Alaa Yunaayitid Isteetsiin ibsa baasaniin gargaarsi kun kanneen walitti-bu’insa, hongee fi wabii nyaataa dhabuudhaan qehee ofii irraa buqqa’anii fi miidhamaniif deggersa lubbuu baraaruu akka tahu ka kenname tahuu hubachiisan.

Deggersicha keessaa miliyoonni 12 karaa Biiroo Baay’ina UUmmataa, Baqattootaa fi Godaansaa kan Ministirii Dantaa Alaa Yunaayitid Isteetis ka kennamuu fi Miliyoonni 300 fi Miliyoonni 19 karaa Dhaabbata Misooma Idil-addunyaa Yunaayitid Isteetis, USAID kennamu tahuu beeksise, ibs waajira Ministarichaa irraa bahe sun. Kunn gargaarsa namoomaa Yunaayitid Isteetis bara 2023 naannoo sanaaf Miliyoona 700 Miliyoona 80 ol taasisa, jedhamee jira.

Yunaayitid Isteetis, biyya gargaarsa namoomaa guddaa Itiyoophiyaaf kennitu tokkottii kan eeran, Bilinken, “gargaarsi keenya deggersa baraarsa rakkoo cimaa, ka lubbuu oolchuu kanneen akka nyaataa, gaaddisa keessa jiraatan, bishaan dhugaatii qulqulluu, qulqullina qaamaa, carraaqqii eegumsa fayyaa, barnootaa fi tajaajilawwan ijoo kenneen biroo deggeruuf gargaara,” jedhan. Labsiin gargaarsaa kun, waahilummaa Yunaayitid Isteetis fi Afrikaa akka cimsus ibsicha irratti eeramee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG