Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antonii Bilinken Finfinneetti Marii Taasisaa Jiru


Antonii Bilinken Finfinneetti Marii Taasisaa Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:59 0:00

Antonii Bilinken Finfinneetti Marii Taasisaa Jiru

Ministirrin Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bliinken har’a itti aanaa muummicha ministeeraa fi Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Demeke Mekonnen waliin marii gaggeessanii jiru.

Dhimmoota bal'aa kan hojiirra oolfma waliigaltee diinummaa dhaabuuf tolfamee irraa kaasee hanga haala dinagdee Itiyoophiyaa fi dhimmoota nagaa fi nageenyaa naannoo irratti mari'acuu isaanii Ministeerri haajaa Alaa Itiyoophiyaa tiwiitara ofii irratti barreesse jira.

Bliinkan har'a waaree booda muummicha ministeeraa Abiy Ahimad waliinis ni mari'atu jedhamee eegama.

Dippilomaatichi olaanaa kan Ameerikaa kun, adeemsa nagaa deggeruu fi walitti dhufeenya haaromsuuf jecha Kibxata kaleessaa galgala Finfinnee kan seenan yoo ta’u, waldhabdee waraana gara jabummaan waggaa lamaaf Itoophiyaa kaabaa keessatti geggeeffamaa turee hordoofee hariiroo jiru jabeessuu fi.

Bara 2020 mootummaa federaalaa fi ABUT gidduutti waraanni eega ka’ee booda qondaala Ameerikaa sadarkaa olaanaa Itoophiyaa daawwatee Bliinken isa jalqabaa ti.

Diploomaatiin kun har’a waaree booda Yunivarsiitii Finfinnee Galma Ras Mekonnen keessatti, gaazexeessitootaaf ibsa kennuuf saganteeffamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG