Mootummoonni federaalaa Somaaliyaa fi kan kutaalee Somaaliyaa, humna gareewwan hidhattootaa al-Shabab fi Islamic State xiqqeessuu akka hin ilaallee Qondaaltonni Somaaliyaa akeekkachiisaa jiru. sababiin isaas aangawoonni duula waraanaa haaraa isaan irratti gaggeessuuf karoorfatanii jiru.
Dhiheenya kana al-Shabab naannoo baadiyyaa bal’aa kan giddugala Somaaliyaa keessaa buqqisuu irratti milkaa’ina argatus, gareen hidhattootaa kun deebisee haleeluu fi dho’iinsa lubbuu namaa galaafatu gargaaramuun, buufata waraanaa fi dhaabbilee weeraruun namoota kurnaan lakka’aman galaafatee jira.
Kibxata kaleessaa of-wareegaam Al-shabaab, boombii konkolaataa keessa ka’ameen naannoo Geedoo magaalaa Bardhere keessatti gamoo qondaaltota naannoo kanneen al-Shabab irratti sochii karoorfatan keessa jiraatan irratti xiyyeeffachuun haleellaa dhaqqabsisee loltoonni afur ajjeefamanii, 9 ammoo madaa'aniiru.
Bitooteessa 7 al-Shabab buufata waraanaa ganda Janaa Cabdalle jedhamu keessa jiru weeraruun yoo xiqqaate loltoota shan ajjeese.
Qondaaltonni Somaaliyaa humni milishaa al-Shabab “hin tuqamne” jechuun akeekkachiisu, hojiin dhiheenya kana raawwatame humna garee kanaa haalaan hin laaffisne jechuun falmu.
Gama tokkoon xiqqoo madaa'aniiru jedheen amana kan jedhan muummichi ministeeraa yeroo lamaa duraanii Omar Abdirashid Ali Sharmarke. “Yeroo dhiyoo asitti tooftaaf duubatti deebi’aa turan, garuu humni isaanii xiqqeessanii ilaaluun hin danda’amu jedhan.
Bulchaan naannoo Bakool kan haleellaa marsaa lammaffaatti makamuuf karoorfatan Mohamed Abdi Tall gareen kun keessumaa naannoo Jubaland gama Kibbaa fi kutaalee Kibba Lixaatti hidda gadi fageeffatee jira jedhu.
Tall akka jedhanitti, biyyattiin bal’aa waan ta’eef, duula al-Shabab irratti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf mootummaa federaalaa fi tola ooltota irraa deeggarsa akka
Forum