Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaarri Waraanaa Raashiyaa Kaleessa Xayyaara Hordoffii Nam-Maleessa Kan Yunaayitid Isteetis Haleele  


FAAYILII-This handout photo, courtesy of the U.S. Air Force, obtained on Nov. 7, 2020, shows an MQ-9 Reaper drone.
FAAYILII-This handout photo, courtesy of the U.S. Air Force, obtained on Nov. 7, 2020, shows an MQ-9 Reaper drone.

Kibxata Kaleessaa xiyyaarri waraanaa Raashiyaa, xayyaara nam-maleeyyii ykn diroonii hordoffii guddaa kan Yunaaytid Isteetis waliin Galaana Gurraacha irratti walitti bu’un, mormii dippilomaasii Amerikaa biraa kan hordoofsisee yoo ta’u, tarii Raashaan teeknooloojii iccitiin qabamee keessaa argachuu maltii yaaddoo jedhu uumee jira.

Qondaaltonni Amerikaa fi Raashiyaa walitti bu’uu Diroonii Amerikaa MQ-9 Reaper jedhamtu fi xiyyaara waraanaa Raashiyaa Su-27 gidduutti uumame ilaalchisee, ilaalcha wal faallessu kan qaban yoo ta’u walii isaanii komachaa jiran.

Garuu Ameerikaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa, Anaatolii Raashiyaan lola hin barbaaddu jedhan.

Ameerikaa fi Federeeshinii Raashiyaa gidduutti waldhabdee tokkollee akka uumamu hin barbaannu. Hariiroo hojiirra ooluu danda’u isaanif jennee, dantaa ummata Ameerikaa fi Federeeshinii Raashiyaa jecha ni deggerra jedhan.

Ministeera ittisaa Yunaaytid Isteetis irraa itti gaafatamaa Preesii kan ta’an Brig. Gen. Pat Ryder, djimma kana ilaalchisee akka jedhanti, Wanti nuti waan argine, ammas xiyyaaronni waraanaa, xayyaara nam maleeyyii kana fuulduratti boba'aa gadi darbatanii ergasii xiyyaara sanatti baay'ee dhihaatanii, dhugumatti qaama piroopelaara MQ-9 isa akka balaliituuf gargaaru irratti miidhaa geessisuu isaanii ti.

Kun Xiyyaarota Raashiyaa irrattis miidhaa tokko tokko geessisuu akka hin oolle ni madaalla. Akka nuti beeknutti, xiyyaarri Raashiyaa hin qubanne. Eessa qubatan isa jedhuus keessa hin seenu. Garuu ammas, gama balaliistonni xiyyaara Raashaa, kanneen ogummaa hin qabne, dandeetti nagaa buusuu hin qabne kan agarsiisu dha jedhan.

Haallii uumamee kun, waraana Moskoo Yukireen keessatti geggeessite irratti muddamsa uume kun, erga Waraana qabanaa’aa hamaa sana booda xiyyaarri Amerikaa xiyyaara waraanaa Raashiyaan rukutamee yeroo jalqabaaf akka qubattu ta’e.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG