Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Bakka-bu’oota Waliigaltee Lola-Dhaabinsaa Mallattteessan Wajjiin Walga’an 


Anthony Blinken ETHIOPHIA VIST
Anthony Blinken ETHIOPHIA VIST

Dubbi-himaan Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Iseetis ibsa barreeffamaan baasaniin akka beeksisanitti, Antonii Bilinken mallatteessitoota walii-galtee lola dhaabinsaa Piritooriyaatti raaw’atamee waliin Finfinneetti walga’anii jiran. Gama mootummaa Itiyoophiyaa tii gorsaan Dhimma Nageenya Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Obbo Reediwaan Huseen, gama Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay irraa immoo dubbi-himaan paartichaa Obbo Getaachoo Raddaa walii-galtee Pritooriyaatti mallatteessamee booda, sagalee qawwee calliisuu, gargaarsa namoomaa dhaqqabsiisuu, tajaajilawwan iddootti deebisuu fi meeshaalee waraanaa guguddaa humnoota Tigiraay hiikkachiisuu akkasumas humnoonni Ertiraa harki guddaan Tigiraay keessaa bahuu dabalatee tarkaanfiilee haga ammaatti fudhataman Mr. Bilinkeniif ibsanii jiran. Walii-galtee sana guutummaatti hojii irra oolchuu fi nageenya waaraa markaneessuuf hojiiwwan danuun akka hafanii jiranis ibsanii jiran.

Ministarri Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetis, Aantonii Bilikenis, biyyi isaanii deemsa gara nageenya waaraatti taasisamu irratti akka taajjabduu deemsa araaraa Gamtaa Afrikaan hoogganamuu fi akka michuu Itiyoophiyaatti akka deggersa ishee itti fuftu ibsaniifii jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG