Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Haajaa Alaa Yunaayitid Isteetis Daawwannaa Itiyoophiyaa Xumuranii Gara Nijeeritti Qajeelan


Ministriin Haajaa Alaa Yunaayitid Isteetis Daawwannaa Itiyoophiyaa Xumuranii Gara Nijeeritti Qajeelan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:33 0:00

Ministriin Haajaa Alaa Yunaayitid Isteetis Daawwannaa Itiyoophiyaa Xumuranii Gara Nijeeritti Qajeelan

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antooni Bilinken Kamisa kaleessaa Dura taa'aa Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaki Mahamat waliin Finfinnee keessatti mari'atanii jiran.

Yunaayitid Isteetis Afrikaa wal qabatte, badhaate, fi nagaa qabdu ijaaruuf Ajandaa Gamtaa Afriikaa kan bara 2063 dhugoomsuuf akkamitti gargaaruu akka dandeessu ni dubbanna. Akkasumas Yunaayitid Isteetis waa’een daldala walabaa Ardii Afriikaa ennaa ka’u galma gamtaa Afriikaa kan walitti dhufeenya dinagdee naannoo attamiin haala wayyaawaa dhaan deggeruu akka dandeessu tuquu dhaan ministrichi marii sana dura dubbatanii jiran.

Akka Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa jedhanitti marii har’aa irrattis dhimmoota hojiirra oolmaa adeemsa nagaa Itiyoophiyaa waliin walqabatan kan hammate ta’uun ibsameera.

Dura taa’aan kun tiwiitara isaanii irratti akka barreessanitti, “Raawwii waliigaltee Diinummaaf wal barbaaduu dhaabuu fi dhimmoota naannoo biroo fedhii waloo qaban irratti adeemsa jiru ilaalchisee yaada wal jijjiirre.”

Marii Finfinneetti geggeessameen booda Biliinken daawwannaa guyyoota afuri afriikaatti geggeessan isa lammataaf gara Nijeritti qajeelaniiru.

Ministrichi Biliinken muummicha ministeeraa Abiy Ahimed waliin kaleessa dhimmootii adda addaa irratti mari’ataniiru. Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Ned Piraayis ministrichia Biliinken fi muummicha ministeeraa Abiy gidduutti mariin geggeessame michummaa gaarii Yunaayitid Isteetis fi Itiyoophiyaa gidduu jiru mirkaneeffamuu isaa bakka bu’a jedhan.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee daawwannaan ministrichaa hariiroo biyyoota lamaanii kan haaromsuu akkasumas deggersaa fi gargaarsa maallaqaa irra uggura kaa’amee ture kan kaasu ta’uu isaa abdii qaban ibsaniiru.

Daawwannaa Bilinkenitti aansee Itiyoophiyaan AGOA dhaaf carraan kenname bakkatti akka deebi’u illee abdii qaban ibsaniiru.

Itiyoophiyaan AGOA-tti deebi’uuf fedhii iseen qabdu dhugumatti ni hirmaanna jechuu dhaan Bilinken kaleessa ibsa tuuta oduuf kennaniin ibsanii jiru. Ennaa Itiyoophiyaan walii galtee nageenyaa sana hojiitti hiikuu itti fuftee jirtutti martinuu kallattii sirrii irra deemaa jira jedhan Bilinken.

Roobii kaleessaa Biliinken akka jedhanitti, Itiyoophiyaan hariiroo isheen Yunaayitid Isteetis waliin qabdu fooyyessuuf, walii galtee nagaa naannoo Tigraay waliin irra ga’ame hojiitti hiikuu ilaalchisee fooyya’ina argamsiisuu qabdi.

Walitti bu’iinsa naannoo Tigraay waggoota lamaaf turetti aansuu dhaan Itiyoophiyaan yeroo ammaa raawwatamaa kan jiru dhiittaa mirga namaa hamaa jiraachuu dhiisuu isaa mirkaneessuu dhaan mara kan hirmaachisee fi adeemsa ce’umsaa amanamaa ta’e hundeessuu qabdi jedhan jechuu dhaan Iskinder Firew fi Kenedii Abaatee gabaasaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG