Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken, wal-waraansa hamaa waggoota lamaaf Tigiraay keessatti geggeessamee fi namoota gara kuma 500 fixe sanaa booda waliigaltee nagaa mallatteessame daran jabeessuu fi gara nageenyaa waaraatti geessuuf carraaqqii taasisamuun kaleessa muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa dabalee aangawoota biyyattii ol’aanoo fi bakka-bu’oota Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay wajjiin walga’anii jiran.
Kaleessa ennaa muummicha-ministaraa Abiyyi wajjiin walga’anitti haalli Oromiyaa keessaa akka isaan yaaddessuu fi wal-dhibdeen jiru karaa waliin-dubbii nagaatiin akka xumuramuu qabu eeranii jiran. Dhimmoota Mr. Bilinken itti xiyyeeffatanii fi waa’ee hojii irra oolfama isaa irratti, Sagaleen Ameerikaa hayyuu falaasama siyaaasaa Dr. Alamaayyoo Birruu dubbisee jira. Caqasaa.
Forum