Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Waraanaa Somaaliyaa Miseensota Finxaaleyyii Of Jijjiiruun Halellaa Raawwatan Du’aan Adabe 


Faayilii- Moqaadishoo
Faayilii- Moqaadishoo

Manni murtii waraanaa Somaaliyaa hidhattoonni al-Shabab doktora fi angawoota waraanaa fakkaatanii boombii fi dhukaasa raawwachuuf jedhan sadii akka ajjeefaman ajajee jira.

Ahmed Mohamed Somaaliyaa Moqaadishoo irraa gabaase akka gabaasetti, manni murtii ol’iyyannoo waraanaa Moqaadishootti argamu, namoota sadii hidhattoota al-Shabab jedhaman kanneen of jijjiiranii haleellaa lubbuu namaa galaafatu magaalattii keessatti raawwatan irratti adabi du’aa Roobii kaleessaa akka raawwatamu ajajeera.

Manni murtichaa akka jedhetti ga’eessi umuriin waggaa 38 Mohaammad Abdii Nuur Jiroow maqaa fi maqaa sobaa fayyadamuu dabalatee “Dr. Fanah” jechuun akka waan ogeessa fayyummaa sammuu ta’etti of ibse.

Angawoonni akka jedhanitti bara 2021 manneen nyaataa Moqaadishoo keessatti argaman lama irratti boombii darbachuun lubbuu namoota 20 galaafate.

Manni murtichaa akka jedhetti, Jiroow yoom akka ta’e ibsuu baatus, haleellaa istaadiyeemii kubbaa miilaa dugdee magaalaa Moqaadishoo-tti raawwatameen namoota lama ajjeesee, ji’a Guraandhalaa keessa boombii of wareegaa loltuu tokko ajjeeseef gargaarsa taasisee jira.

Itti aanaa Abbaa alangaa mana murtii waraanaa kan ta’an Muummin Huseen Abdallaa akka jedhanitti manni murtichaa Mohaammed Abdi Nuur Jirwwo kan Dr. Faanaah jedhee of waame, Mohammeed Abdullee Abookoow kan Bimaaloow jedhamuun beekamuu fi Shariif Mohaammed Bargadlee Ayaanlee kan maqaa Jeeqoo jedhamuun beekamu irratti adaba du’aa muree jira.

kan umuriin waggaa 36 Bimaaloown ajajaa waraanaa of fakkeessuu dhaan bara 2019 keessa mana nyaataa Moqaadishoo keessaa tokko haleeluu dhaan namoota 11 galaafate. Manni murtichaa akka jedhetti Bimaaloow-n waggaa tokko dura finxaaleyyiin al-Shabaab buufata xayyaara Moqadishoo irratti haleellaa raawwatame gargaaruu dhaan loltuu tokko ajjeesee jira.

kan umuriin waggaa 53 Ayaanleen waraana Somaaliyaa keessaa ajajaa waraanaa ta’uun tajaajilaa turuun ibsamus waraanni garuu ni hale. Manni murtiichaa akka jedhetti Ayaanleen baatii Guraandhalaa keessa galma gabaa Moqaadishoo boombii dhaan aleelee, namoonni 16 yoo du’an kanneen biroon 38 immoo madaa’aniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG