Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Viidiyoo Haala Xiyyaarota Waraanaa Raashiyaa fi Diroonii Ameerikaa Gidduutti Mudate Mul’isu Gadhiiste 


Faayilii-Haala Diroonii Yunaayitid Isteetsii fi Raashaa
Faayilii-Haala Diroonii Yunaayitid Isteetsii fi Raashaa

Waraanni Yunaayitid Isteetis viidiyoo Kamisa har’aa kan waraanni Raashiyaa kan diroonii hordoffii Yunaayitid Isteetis jidduu seenuu dhaan Kibxata darbe Galaana Gurraacha irratti kuffifame gadhiise.

Xiyyaarri Raashiyaa Sukhoi Su-27 utuu boba’aa gadi naquu, yeroo diroonii Yunaayitid Isteetis MQ-9 duubaan dhiyaatee gubbaa irra utuu darbu agarsiisa Viidiyoon kun.

Sukhoi Su-27 inni lammaffaan haala walfakkaatuun kan itti dhiyaate yoo ta’u, yeroo diroonii-ttii bira ga’u, waraanni Yunaayitid Isteetis xiyyaarri waraanaa Raashiyaa diroonii kana waliin walitti bu’e ennaa jedhutti waraabbiin viidiyoo sun adda cite. Waraabbiin viidiyoo inni dhumaa akka mul’isutti waraabbiin sun itti fufee balaamballeen diroonittii dabuu isee mul’ise.

Viidiyoon kun kan gadhiifame Ministirri Ittisaa Yunaayitid Isteetis Lloyd Austin gita isaanii Raashiyaa waliin waa’ee wal-qunnamtii kanaa erga dubbatanii guyyaa tokko booda. “Ameerikaan balali’uu fi bakka seerri sadarkaa addunyaa hayyamu hundatti socho’uu itti fufti, xiyyaarota waraanaa ishee haala nageenya qabuu fi ogummaa qabuun hojjechuun dirqama Raashiyaa ti” jechuu dhaan Oostiin reefu Ministira Ittisaa Raashiyaa Sargee Shoiguu waliin bilbilaan haasa’uu xumuruu isaanii erga beeksisanii booda gaazexeessitootaaf ibsa kennaniiru.

Erga Onkoloolessaa as hoggantoota ittisaa lamaan gidduutti haasaan bilbilaa isa jalqabaa ta'uu angawoonni beeksisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG